Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Be sure to visit the podcast's website and support the creator: podcasters.spotify.com
Author
Ilmaormaa
Category
Podcast website
Latest episode
Aug 31, 2026
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
S.6 Ep. 90 Marii Dr. Jemal Muhammad Wajjin Waahee Genetic Engineering(designer babies) Gaggeessine- Kutaa Duraa 23.12.2022 39:30
Qophii torban kanaaf Dr. Jemal Muhammad keessummaa keenya. Dr. Jemal waliinis waahee DNA fi "genetic engineering" irratti marii waliigalaa gaggeessinee jirra. Kutaa duraatti isin affeerraa - Itti dhihaadhaa!
S.6 Ep 89 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 3ssoo 17.12.2022 44:09
Qophii torban kanaa keessatti, marii waahee "Artificial Intelligence" huubannoota handhuuraa walii-qooduuf jacha gaggeessaa turre xumurra. Itti Dhihaadha!
S.6 Ep 88 Marii Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 2ssoo 10.12.2022 37:53
Qophii torban kanaa keessattis waan torban dabre eegalle itti fufna. Waahee "AI Recommendation", dubbii meeshaalee "IoET" jadhamanuufi "cyber security", rakko magaalaafi hawaasallee gargar-qooduu, hooda-safuu dhaba AI mudatuu maluufi dalgaa-ala-tahummaa ilmanamaa teknologiin fiduu dandahuufii waan baayyee kan birorraa dubbanna. Itti Dhihaadha!
S.6 Ep 87 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa Duraa 03.12.2022 43:35
Marsaa 6ssaa eegalla! Torban kana, keessummaan keenya Dr. Ababaa Diro. Qophii keenya keessatti waan "digital" teknologiin taate, keessatti ammo waan kan akka "Artificial intelligence" fi "machine learning" fakkaatan irraatti professor huubannoota utubaa nuuf laata. Dhiihaadhaa!
S.6 Trailer - Dhaadhessa 27.11.2022 11:37
Marsaan 6ffaan(Season 6) Torban dhufu akka eegaluuf deemuufi maalirraa akka dubbatuuf deemnu dhaadheessu.
S.5. Ep. 86 Impaayara Warri ባርያ ፈንጋይ Irreen Ijaaree, Qawween Utubaa Asiin Gahe Keessatti Nagaa Waaraa Argamsiisuun Nidandahamaa? 23.10.2022 42:30
Qophii torban kanaa keessatti: Waan Ep81 irraa kaasee haga torban dabree(ep 85) haas'aa turre, jachuunis waahee qabsoo, waahee jaarmayaafi dubbii hogganaa guduunfina. Dhihaadhaa!
S.5 Ep 85 Hariiroo Nyerereefi Ummata Musliimaa Tanzaaniyaa. Kutaa 4ffaa 16.10.2022 55:48
Qophii torban kanaa keessatti qooda ummata musliimaa qabsoo bilisummaa Tangaanikaa fii Tanzaaniyaarraa gabaabsinee dubbanna.
S.5 Ep 84. Aarsaa Nyerereefi Tanzaaniyaan Bilisummaa Afrikaaf Kafalan. Kutaa 3ffaa 09.10.2022 1:59:34
Qophii torban kanaa keessatti: 1. Waan ummanni Gurraachi kan Afikaan-ala turan sochii ummata Gurraachaaf gumaachan: bilisummaa biyya Haiti, qooda jaarmayaa "Sons of Africa" 2. Waan "Marcus Garvey" dammaqiinsa ummata Gurraachaaf gumaache 3. Qooda Pan-Africanism bilisummaa Afriikaaf gumaache 4. Tattaaffii warri pan-Arabism(Gamal Abdel Nasser) warra Afrikaa of jalatti hiriirsuuf godhan 5....
S.5 Ep. 83. Taanzaaniyaa Kolonii Jalaa Baasanii Ummata Bilisummaa Goonfachiisan Moo...? Kutaa 2ffaa 02.10.2022 1:22:04
Baga Irreecha 2022n Isin Mara Gahe!! Qophii hardhaa keessatti: Qabsaahoonni Taanzaaniyaa bilisummaa biyyaa booda ummata ofii walabummaafii kabajaan bulchaa turan moo akkuma warra koloneeffataa mooti qorkee itti tahan? - Kaayyoon "Ujamaa" maal ture? Itti milkaahan moo ni hoongahan? - Mula'at "Arushaa Declaration" jadhamee beekamu maaliif labasan? Mul'atasan hoo hojiitti jijjiiru dandahani? - Bobbaa...
S.5 Ep. 82 Preezidaant Nyerere Maaltu Hogganoota Afrikaarraa Addasa Godhee? Kutaa I 25.09.2022 57:15
Qophii torban kanaa keessatti: - Seenaa Taanganyikaa; seenaa Zanzibaarfi seenaa ijaarsa biyya Tanzaaniyaa - Seenaa Preezidaantii Taanganikaafi Taanzaaniyaa jalqabaa kan ture Mwalimu Juliyaas Nyerere - Madda Ujamaa(African Socialism) irraa gaggabaabsinee warra amma dura hindhageenye dhageesisna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep 81. Bilisummaan Fagoo Jirti 18.09.2022 31:27
Qophii torban kanaa keessatti waahee jaarmayaa, tokkummaa gurmuu/kaayyoo fi hoggana ilaalchise yaada gabaabdu.
S.5 Ep. 80 Qabsoo Dheertu Uummatoota Biyya Chile fi Heera Isaan Tumatan 11.09.2022 46:02
Qophii torban kanaa keessatti: Qabsoo uummatoonni biyya Chile gannoota dheeraaf gageessaa turaniifi heera haarayaafi faarfamaa kaluu kana isaan tumatan irraa gabaabsine dubbanna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep. 79 Part II of Our Conversation about the Struggle of the Irish People 04.09.2022 58:54
This episode is the 2nd & last of our conversation that we've started last week. In this Episode our guest: - talks about the recent history of the struggle of the Irish people. - explains the two wars that the Irish people have experienced in the early 20th century. - discusses the IRA, the internal divisions & factions it has gone through as well as spies & infiltrators that posed serious cha...
S.5 Ep 78 Conversation about the History, Struggles, & Triumphs of the Irish People - Part I 28.08.2022 50:59
This week, we start with part I of the two parts conversation about the long history, struggles, challenges & triumphs of the Irish people with my guest Hugh. Please tune in & take the fascinating journey with Hugh when he aptly discusses the mythology & history of the Irish people that stretches back to thousands of years & touches the shores of Africa.
S.5 Ep. 77 Diinagdeen Weyta "Liberalized" Taatuu, Warra Kamtu Biyya Dhuunfachuuf Deemaa? 21.08.2022 30:39
Sagantaan torban kanaa qophii torban dabrerratti hundaahuun "economic liberalization" amma gaggeefamaa jiruufi babballachuuf deemu keessatti warra kamtu faaydeeffachuuf, warra kamtu ammo miidhamuuf deemaa? irratti yaada gaggabaaduu laatuuf yaalii gooti. Dhihaadhaa!
S.5. Ep. 76. Gaanfa Afrikaa Keessatti Humnoota Kamtu Warra Lafaa Meeshaa Godhate Wal-lolaa, Jiraataa Ture? 14.08.2022 38:38
Sagantaan torban kanaa, yaada dhuunfaa dubbii seena Gaanfa Afrikaarraa haga muraasa dubbachu taha. Gaanfa Afrikaa keessatti humnoota kamtu bara dheeraaf walhadhaa ture? Seenaa lolaa humnootni kun ol-aantummaaf gaggeessaa turan seenaa ummatoota warra lafaati jachuu dandeenyaa? Dhihaadhaa!
S.5.Ep. 75. Kitaaba "Principles for Dealing with the Changing World Order" Jattuun Walbarsiisu. 07.08.2022 30:56
Torban kana Kitaaba, "The Changing World OrderWhy Nations Succeed and Fail" kan Ray Dalion barreeffamte warra dubbisu fedhu karaarra buusuuf mataa-mataarraa gabaabsine dubbanna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep. 74. Premier League Season 2022/2023 Irratti Yaada Gaggabaabdu 30.07.2022 50:52
Qophee torban kana jalqabamu Premier League 2022/2023 Season sababfachuun waan kubbaa-miilaarraa qabxiilee garagararratti yaada kennanna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep 73. Barruu, "Who lost Ethiopia?" Irratti Yaada 24.07.2022 1:00:28
"Who lost Ethiopia? The unmaking of an African anchor state and U.S. foreign policy" mata duree jattu jalatti Verhoeven fii Woldemariam, "Contemporary Security Policy" gubbaatti guyyaa 24 Jun 2022 maxxansanirratti yaada dhuunfa dhiheessa. Dhihaadhaa!
S.5 Ep. 72 Conversation with Khadijah Abdurahman, an Independent Researcher & More 17.07.2022 1:03:08
In this week's episode, our guest Khadijah covers child welfare system, issues of Indigeneity, the perils of the hyped A.I , the cyclical politics in the HoA & much more that only a person of her calibre can comfortable address. Please, tune in!
S.5 Ep. 71 Janaraal Abdiisaan "Humni Poolisa Oromiyaa Maaliif Ummatatti Roorrisaa?" Deebi Nuuf Laata. 10.07.2022 1:25:38
Seenaa Ijaarsa Poolisii Oromiyaafi rakkolee keessatti mullatan keessummaan keenya torban kanaa ball'inaan irraaa dubbata. Dhihaadhaa!
S.5 Ep. 70 Kitaaba Jonathan Aldred, "Licence to be Bad " Irraa Gabaabdu Dubbanna 03.07.2022 40:16
- Hawaasni Amma keessa jirru kun yaada eenyurratti utubame ijaarame? - Uuma ilmanamaa seeti akkam jiraarratti utubanii yaada isaani ijaarratan? - Waggoota 50 dabran keessatti Jijjiirmaa gama siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee mull'ataniif eenyuufaatu qooda guddaa qaba? Yaada akkam jiraa maddisiisani? Gaaffilee kkf deebi Kitaabni kun laaterraa gaggabaasuun waluma hawwachiisuuf dhiheessina. Dhihaadh...
S.5 EP.69 Waltajjiifi Bobbaa Siyaasaa Baball'iffachuun Hammeenya Maal Qabaa? 26.06.2022 49:56
Kurfii torban kanaa keessatti bobbaa fii ijaarsa siyaasaa baballifachuun barbaachisaa, yaada jatturraa dubbanna. Dhiihaadhaa!
S.5 Ep. 68 Marii Dr. Bizuneh, Barsiisaa Polotikaa, Wajjin Gaggeessine- Kutaa II 19.06.2022 52:42
Marii torban kanaa keessatti: Mootummooleen naanno mirga waahee lafaa, barnootaafi baajata(fiscale autonomy) irratti heeraan qaban akkam ture? Mootummooleen naanno mirgoota, imaammataafi bulchiinsa lafaa, barnootafi baajatarratti qaban hagam hojiin hiikan? Waggoota 25(1995 haga 2020) mootummaan EPRDF mirgoota naannoleen qaban tooftaaa akkam jiraan irraa sharafaa deemaa ture? Gaaffilee kkf ba...
S.5 Ep. 67 Dr. Buzunaa- Barsiisaa Polotikaa - Wajjin Waahee Federaalummaarraa Marii Gaggeessine--- Kutaa Duraa. 12.06.2022 56:10
Waltajii siyaasaa gubbaatti warri gariin, "nuti humna Federaalaawaati. Warri kaan warra Unitaari. Wara nyaapha federaalummaa sab-daneessaati" jadhani himatu. Garuu, nama hagamtu waan sirni Federaalummaan tahe sirriitti keessa beeka? Deebi gaaffii kanaafi kan kkf danuu isaaniitiif marii kanarraa argattu. Marii kana keessatti: waan sirna Federaalummaa ilaalchisee gaaffiilee gurguddoo isin qaba...
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.