Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
SE7. EP.101 Marii Hayyuu Hawaasa-Seenaa-Aadaa Obb. Buttaa Dafii Wajjin Gaggeessine 18.03.2023 1:18:05
Seenaa, aadaa, hooda-safuu, jiruu-jireenyaafi kkf kan warra Oromiyaa godinaalee gara-garaa barachuuf amna eegalle torban kanas itti fufna. Keessummaan keenya Jaal Buttaa Dafiiti. Innis aadaa warra Oromiyaa Arsiirraa barnoota guddaa nuuf laata. Dhihaadhaa!!
SE7. EP.100 Obboo Nasir Kaliil, Hayyuu Seenaa, Wajjin Marii Gaggeessine Kutaa 2ffaa 11.03.2023 42:50
Qophii torban kanaa keessatti marii obbo Naasir Waliin torban dabre eegalle xumurra. Dhihaadhaa!
SE7. EP99. Marii Hayyuu Seenaa Nasir Kalilil Wajjin Gaggeessine 04.03.2023 1:00:25
Keessummaan torban kanaafi marsaa 7ffaaf ka jalqabaa Hayyuu seenaa Obboo Nasir Kalil. Obboo Nasir seenaa dheertu gama bahaa biiftu Oromiyaa waan Zayilaa kaasee hanga Ankoberr keessatti mull'aterraa huubannoota jabaa nuuf laata. Dhihaadhaa!!
Dhaadheessa Eegalamuu Marsaa 7ffaa(Season 7) 01.03.2023 5:19
March 4, 2023 irraa eegale marsaan 7ffaan torban-torbaniin tamsaafamu itti fufa. Marsaa 7ffaan seenaa, aadaa, safuu, hooda, jaarama, diinagdee, amantaa, jiruu-jireenyaa fii kkf naannoolee Oromiyaa mararraa keessummoota afeeruun argaa-dhageetti of-biraa qabanirraa marii gaggeessaa, barnoota irraa argata. Dhihaadhaa!
S.6 Ep 98 Marii Dr. Abeba Diro Wajjin Marsaa 2ffaaf Gaggeessine, Kutaa 3ffaa(Maayyii) 18.02.2023 58:02
Dr Abbabaan waan torban lamaan dura eegale, torban kana xurmura. Sagantaa torban kanaa keessatti: - Waahee Cryptography - Waahee Machine learning / Deep learning fii Cyber security -Waahee Anomaly detection -Waahee attack detection fii waan heddu baayyee kan qormaata isaarratti hundaahan nuun qoodata. Itti dhihaadha!
S6. Ep 97 Marii Wahee Cyber Security Dr Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 2ffaa 11.02.2023 26:10
Ilma Oromiyaafi saayintiistii kompuutaraa kan tahe Dr Abbabaan beekumsa waahee Cyber Security irratti nuuf kennu torban kanas itti fufaa. Dhihaadhaa!!
S6.Ep96. Dr. Abebe Diro Wajjin Marii Wahee "Cyber Security" Ilaalchisee Gadfageenyaan Gaggeessine - Kutaa 1ffaa 04.02.2023 33:53
Qophii Torban kanaaf; Saayintiisti Kompuutaraa kan tahe Dr Abbabaa Diroon muuyxanno dhuunfaa kan aduunyaa beekomsa ammayyaa keessatti argateefi wahee "Cyber Security, Cryptography, Space Security"-fi kkf irraatti gad-fageenyaan barnoota mishaa nuuf kennuuf waltajjii Ilmaormaa Podcast irratti marraa 2ffaaf argamee jira. Kanaaf, beekumsa gahaa hayyuu kanarraa oomishatuuf, Itti Dhihaadhaa !!
S.6 Ep. 95. Marii Dr. Fiseha B. Tesema-n Qormaata Inni "Humanoid Social Robot" Irratti Gaggeesseefi Waan Bayyee Kutaa 3ffaa(Maayyii) 28.01.2023 1:37:19
Torban kana marii ajaa'ibaa Dr. Fisehaa wajjin torban lamaan dura jalqabne xumurra. Qophii hardhaa keessatti Dr. Fisehaan waan baayyee nuun qoodate jira. Dhihaadhaa!
S.6 Ep.94 Marii Dr. Fiseha B. Tesema Wajjin Gaggeesine Kutaa 2ffaa 21.01.2023 1:04:16
Torban kanas keessummaan keenya Dr. Fisehaa. Seenaa mishaa teknoloojii ammayyaarratti qormaata gaggeessuf inni keessa dabre dhagahuufi teknoloojii amayyaa "artificial intelligence" irraa huubannoota argachuuf caqasaa. Dhihaadhaa"
S.6. Ep 93 Marii Dr. Fiseha B.Tesema Wajjin Amna Inni Teknolooji Odoo Hordofuu Akkamiin Gama "Deep Learning(AI)" Qajeelee Kutaa 1ffaa 14.01.2023 37:57
Torban kana keessummaan keenya Dr. Fiseha Tesema. Teeknoloojii amayyaa kan tahe "artificial intelligence" irratti qormaata gaggeessuuf seenaa aja'ibaa keessa darbe nuun qoodata. Itti dhihaadhaa!
S6.Ep 92. Marii "Genetic Engineering" Dr. Jemal Muhammad Wajjin Gaggeessaa ture Kutaa 3ffaa(maayyii) 07.01.2023 39:30
Qophii torban kanaa keessatti marii torban lamaan dura Dr Jamaal wajjin jalqabne guduunfina. Itti dhihaadha.
S6.Ep91 Marii Dr. Jemal Muhammad Wajjin Wahee "Genetic Engineering" Gaggeessine Kutaa 2ffaa 31.12.2022 43:57
Torban kanas marii Dr Jamaal Wajjjin goone itti fufna. Dhihaadhaa!
S.6 Ep. 90 Marii Dr. Jemal Muhammad Wajjin Waahee Genetic Engineering(designer babies) Gaggeessine- Kutaa Duraa 23.12.2022 39:30
Qophii torban kanaaf Dr. Jemal Muhammad keessummaa keenya. Dr. Jemal waliinis waahee DNA fi "genetic engineering" irratti marii waliigalaa gaggeessinee jirra. Kutaa duraatti isin affeerraa - Itti dhihaadhaa!
S.6 Ep 89 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 3ssoo 17.12.2022 44:09
Qophii torban kanaa keessatti, marii waahee "Artificial Intelligence" huubannoota handhuuraa walii-qooduuf jacha gaggeessaa turre xumurra. Itti Dhihaadha!
S.6 Ep 88 Marii Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 2ssoo 10.12.2022 37:53
Qophii torban kanaa keessattis waan torban dabre eegalle itti fufna. Waahee "AI Recommendation", dubbii meeshaalee "IoET" jadhamanuufi "cyber security", rakko magaalaafi hawaasallee gargar-qooduu, hooda-safuu dhaba AI mudatuu maluufi dalgaa-ala-tahummaa ilmanamaa teknologiin fiduu dandahuufii waan baayyee kan birorraa dubbanna. Itti Dhihaadha!
S.6 Ep 87 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa Duraa 03.12.2022 43:35
Marsaa 6ssaa eegalla! Torban kana, keessummaan keenya Dr. Ababaa Diro. Qophii keenya keessatti waan "digital" teknologiin taate, keessatti ammo waan kan akka "Artificial intelligence" fi "machine learning" fakkaatan irraatti professor huubannoota utubaa nuuf laata. Dhiihaadhaa!
S.6 Trailer - Dhaadhessa 27.11.2022 11:37
Marsaan 6ffaan(Season 6) Torban dhufu akka eegaluuf deemuufi maalirraa akka dubbatuuf deemnu dhaadheessu.
S.5. Ep. 86 Impaayara Warri ባርያ ፈንጋይ Irreen Ijaaree, Qawween Utubaa Asiin Gahe Keessatti Nagaa Waaraa Argamsiisuun Nidandahamaa? 23.10.2022 42:30
Qophii torban kanaa keessatti: Waan Ep81 irraa kaasee haga torban dabree(ep 85) haas'aa turre, jachuunis waahee qabsoo, waahee jaarmayaafi dubbii hogganaa guduunfina. Dhihaadhaa!
S.5 Ep 85 Hariiroo Nyerereefi Ummata Musliimaa Tanzaaniyaa. Kutaa 4ffaa 16.10.2022 55:48
Qophii torban kanaa keessatti qooda ummata musliimaa qabsoo bilisummaa Tangaanikaa fii Tanzaaniyaarraa gabaabsinee dubbanna.
S.5 Ep 84. Aarsaa Nyerereefi Tanzaaniyaan Bilisummaa Afrikaaf Kafalan. Kutaa 3ffaa 09.10.2022 1:59:34
Qophii torban kanaa keessatti: 1. Waan ummanni Gurraachi kan Afikaan-ala turan sochii ummata Gurraachaaf gumaachan: bilisummaa biyya Haiti, qooda jaarmayaa "Sons of Africa" 2. Waan "Marcus Garvey" dammaqiinsa ummata Gurraachaaf gumaache 3. Qooda Pan-Africanism bilisummaa Afriikaaf gumaache 4. Tattaaffii warri pan-Arabism(Gamal Abdel Nasser) warra Afrikaa of jalatti hiriirsuuf godhan 5....
S.5 Ep. 83. Taanzaaniyaa Kolonii Jalaa Baasanii Ummata Bilisummaa Goonfachiisan Moo...? Kutaa 2ffaa 02.10.2022 1:22:04
Baga Irreecha 2022n Isin Mara Gahe!! Qophii hardhaa keessatti: Qabsaahoonni Taanzaaniyaa bilisummaa biyyaa booda ummata ofii walabummaafii kabajaan bulchaa turan moo akkuma warra koloneeffataa mooti qorkee itti tahan? - Kaayyoon "Ujamaa" maal ture? Itti milkaahan moo ni hoongahan? - Mula'at "Arushaa Declaration" jadhamee beekamu maaliif labasan? Mul'atasan hoo hojiitti jijjiiru dandahani? - Bobbaa...
S.5 Ep. 82 Preezidaant Nyerere Maaltu Hogganoota Afrikaarraa Addasa Godhee? Kutaa I 25.09.2022 57:15
Qophii torban kanaa keessatti: - Seenaa Taanganyikaa; seenaa Zanzibaarfi seenaa ijaarsa biyya Tanzaaniyaa - Seenaa Preezidaantii Taanganikaafi Taanzaaniyaa jalqabaa kan ture Mwalimu Juliyaas Nyerere - Madda Ujamaa(African Socialism) irraa gaggabaabsinee warra amma dura hindhageenye dhageesisna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep 81. Bilisummaan Fagoo Jirti 18.09.2022 31:27
Qophii torban kanaa keessatti waahee jaarmayaa, tokkummaa gurmuu/kaayyoo fi hoggana ilaalchise yaada gabaabdu.
S.5 Ep. 80 Qabsoo Dheertu Uummatoota Biyya Chile fi Heera Isaan Tumatan 11.09.2022 46:02
Qophii torban kanaa keessatti: Qabsoo uummatoonni biyya Chile gannoota dheeraaf gageessaa turaniifi heera haarayaafi faarfamaa kaluu kana isaan tumatan irraa gabaabsine dubbanna. Dhihaadhaa!
S.5 Ep. 79 Part II of Our Conversation about the Struggle of the Irish People 04.09.2022 58:54
This episode is the 2nd & last of our conversation that we've started last week. In this Episode our guest: - talks about the recent history of the struggle of the Irish people. - explains the two wars that the Irish people have experienced in the early 20th century. - discusses the IRA, the internal divisions & factions it has gone through as well as spies & infiltrators that posed serious cha...
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.