Ilmaormaa

ILMAORMAA

Society OM ↓ 284 episodes

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

Author

Ilmaormaa

Category

Society

Podcast website

podcasters.spotify.com

Latest episode

Jul 9, 2026

Where to listen?

Podcasts in the app Replaio Radio Coming soon

Podcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts

Get it on Google Play Install for free Android 5M+ downloads · 4.8 rating iOS soon

Episodes

SE08EP127 Jaal Abbaabiyyaa Roobaa Wojjin-kutaa 3ffaa 02.12.2023

Kurfii kana gubbaatti: Bara mootummaa cehumsaa keessatti jaallan dirree bahaat hafan maal irratti bobbahani turan? Maaltusaan mudate? Uummata, waraanaafi miseensoota haarayaa jidduu hariiroon maal fakkaata ture? Yaroo gabaabdu keessatti, miseensootafi humna waraana haaraa hedduminaan ofitti ida'uun dhiibbaa akkam jiraa fideefi taateewwaan hedduu kabiroo jaal AbbaaBiyyaan ballinaan nuun qooddat...

SE08 EP126. Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa Wojjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa kan ABOn Hogganamaa Ture- Kutaa 2ffaa 24.11.2023

Kurfii tana gubbaatti, mari Jaal AbbaaBiyyaa waliin kutaa 1ffaa(125) jalatti eegalle itti fufna. Erga hogganoota jidduu dhibeen argameen duubatti, jaallan hafan tarkaanfi akkam jiraa fudhachuun dhaaba dandamachiisani qabsoo itti fufuu dandahanii fii gaaffilee kana fakkaatanuuf deebiiraa arganna. Dhihaadhaa

S08 EP125 Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa Wojjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa kan ABOn Gaggeefame - Kutaa 1ffaa 17.11.2023

Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa, qaama hoggana olaanaa Adda Bilisummaa Oromiyaafi qabsaawaa gameessa wajjin marii seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABON hogganamaa turerraa kurfii tanaan eegaluun ballinaan irraa baranna. Dhihaadhaa!

SE08 EP122. Marii Dr Naomy Muktar Wojjin Gaggeessine - Kutaa Maayyii 16.10.2023

Mariifi barnoota fayyaa sammuu Dr Naomy wojjin eegalle qophii kana gubbaatti xumurra. Kurfii tana keessatti qabxiilee heddu mishaa tahan irratti barnoota jabaa Dr. Naomy-iin nuuf laatti. Dhihaadhaa!

SE08EP121 Marii Dr. Naomy Muktar Wojjin Gaggeessine 06.10.2023

Namni gaaga'ama bifa heddu qabu keessa dabre, dhibee fayyaa kan akkam jiraatu isa mudata? Jiruusaa keessatti amalota akkam jiraatu irraa mul'ata? Hariiron maatiin, haadhawarraan/abbaawarraan, ilmaaniinfi jaallansaa waliin qabu bakka kamitti jalaa jal'ataa? Rakko kanarra aanuuf furmaata kamtu jiraa? Eessattillee argamaa? Gaaffiilee kanaafi kuwwan hafan hedduuf Dr Naomy-in deebii nuuf laatti. Dhihaa...

SE8EP119. Obbo Halakhe Ganyu Wajjin Waahee Fayyaa Sammuu - Kutaa Maayyii 28.09.2023

Obb. Halakheen Fayyaa Sammuurratti beekumsaafi muuyxannoo ganna dheertuf qabu nuun qoodachuu kutaa duraa keessatti eegale qophii maayyii kana gubbaatti nuuf guduunfa. Obb. Halakheen Austraaaliyaatti fayyaa sammuurraatti karaa hedduun bobbahee waan ganna 25f dalagaa jiru keessaa fakkeenyaaf tarreessuuf, "accredited Mental Health councilor, social therapist & Community Health Counsellor&quo...

SE8EP118. Halakhe Ganyu Wajjin Marii Waahee Fayyaa Sammuu - Kutaa Duraa 22.09.2023

Qophii kana keessatti Obb. Halakheen fayyaa sammuurratti beekumsaafi muuyxannoo gannoota dheertuf qabu nuun qooddata. Halakheen Austraaaliyaatti fayyaa sammuurraatti karaa hedduun bobbahee ganna 25f dalagaa waan itti jiru keessaa fakkeenyaaf "accredited Mental Health councilor, social therapist & Community Health Counsellor" ta hangafaati. Kitaaba Isaa warri dubbisuuf hawwitani: Ganyu, Halakhe (20...

SE8EP117 AbbaaDuraa Wajjin Seenaa "Qeyi Shibbir" Gibee Gamatti - Kutaa Maayyii 11.09.2023

Obb. AbbaaDuraan seenaa warraaqsa bara 1974 irraa kurfii dabre keessatti nuu himuu eegalan san torban kana seenaa sukkaneessaa "Qiyi Shibbir" naanno Jimmatti raawwatame keessaa waan ofii yaadatan hordoftootaaf dhiheessuun xumuru. Dhihaadhaa

SE8EP116. Obb. AbbaaDuraa Wojjin Seenaa Warraaqsa 1974 fi "Qayyi Shibbir" Jimmaatti - Kutaa Duraa 01.09.2023

Qophii kana keessatti obb. AbbaaDuraan seenaa "Warraaqsa" bara 1974 fi isaan walqabatee bubbulee kan mul'ate seenaa sukkanneessaa " Red Terror / Qayyi Shibbir" jadhame beekamu Gibee gamatti gaggeeffame keessaa waan yaadaturraa hordoftootaan qooddata. Dhihaadhaa!

SE Trailer 06.08.2023

Podcast-iin Ilmaormaa Hagayya 14, 2023 irraa jalqabe marsaa 8ffaa qophii eegala. Marti keessanu dhihaadhaa!

SE7EP115. Guduunfaa Marsaa 7ssoo - Kutaa 2 24.06.2023

Qophii tana keessatti waan aadaa-seenaa marsaa 7ffaa keessatti gaggeessaa baane akka nuuf guduunfanuufi waan as-deemaarrattillee akka yaadaafi gorsa nuuf kennan maanguddoota deebiseen afeereen jira. Dhihaadhaa!

SE7EP115. Guduunfaa Marsaa 7ssoo - Kutaa 1 24.06.2023

Qophii tana keessatti waan aadaa-seenaa marsaa 7ffaa keessatti marihataa baane akka nuuf guduunfanuufi waan as deemaarrattillee akka yaadaafi gorsa nuuf kennan maanguddoota deebiseen afeereen jira. Dhihaadhaa!

S7.EP114 Hayyū Sēnāfi Ādā Obb. Nasir Kalil Wajjin Turti Marrā 2ffā 17.06.2023

Torban kana hayyū Nasir marrā 2ffāf ofbirā qabna. Ādāfi hāla jirēnya warra bahā bīftu Oromiyārrā hūbannōta gahā nūf kenna. Marti kēssanu dhihādhā!!

SE7.EP113 Marī Ādā fi Sēnā Warra Orma(Kenya) Qērrō Hussen Bonayyā Wojjin 10.06.2023

Torban kana qērrō Hussen warra Orma, biyya Keniyārra nubiratti argama. Sēnāfi ādā warrārrā barnōta argatūf marti kēssanu dhihādhā!

SE7 EP112. Hayyū Sēnāfi Ādā Jāl Abbādurā Wojjin Wāhē Warra Oromiyā Shanan Gibē Marī Gaggēssine Kutā Māyyī(4ffā) 03.06.2023

Barnōta ādāfi sēnā warra Oromiyā Shanan Gibē torban sadīn dura jalqane, torban kana kēssatti xumurra. Dhihaadhaa

SE7 EP111. Marī Hayyū Sēnāfi Ādā Jāl Abbādurā Wojjin Wāhē Warra Oromiyā Shanan Gibē Gaggēssine Kutā 3ffā 27.05.2023

Turtī Jāl A. Abbādurā walīn qabnu itti fufna. Kurfī torban kanā kēssatti sēnā maq-galā Jimmā, dhihēna ādā, tajājila dubarti dēssēf godhamūfi akkātā ummanni gamtān hojjaturrā dubbata. Marti kēssanu dhihādhā!!

SE7. EP110 Marī Jāl A. Abbādurā Wajjin Gaggēssine Kutā 2ffā 20.05.2023

Turtīn kēnya torban kanās jāl A. Abbādurā wajjin taha. Akkuma torban dabrē, torban kanas wān mishā danūsā irrā dhagahūf jirra. Marti kēssanu itti dhīhādhā!!

SE7. EP109 Marī Ādā Warra Oromiyā Shanan Gibē Jāl A. Abbādurā Wojjin Gaggēssine Kutā 1ffā 13.05.2023

Turti kēnya warra Oromiyā Shanan Gibē biratti gōnu torban kanas itti fufna. Jāl A. Abbādura, mānguddō jabā kēssummāf isinī qabannē dhihānne jirra, Isin martinu kottā!

SE7 EP108 Fati Abbāmaccā Wojjin Hāsā Wāhē Warra Oromiyā Shanan Gibē Gaggēssine Kutā 2ffā 06.05.2023

Marī J. Fati walīn torban dabre ēgalle torban kana xumurra. Dhihādhā!!

SE7 EP107 J. Fati Abbāmaccā Wajjin Hāsā Wāhē Warra Oromiyā Shanan Gibē Gaggēssine Kutā 1ffā 29.04.2023

Torban kanas hāsā ādā, sēnā, argā-dhagētti warra Oromiyā Shanan Gibē torban darbe ēgalle itti fufna. Kēssummā kēnya J.Fati Abbāmaccā wajjin wān mishā danū dubbanne. Itti Dhihādhā!!

SE7 EP106 Hayyū Baditti Abbājifār Wojjin Marī Wāhē Warra Oromiyā Shanan Gibē 22.04.2023

Amna kiyya itti fufūn torban kanarrā ēgalē turtīn kiyya warra Shanan Gibē wojjin taha. Kēssummān tiyya ta jalqabā hayyūu Sōshōlojī āddē Baditti Abbājifār. Wān warra Shanan Gibēe dhagahū yō fētan sagantān torban kanarrā jalqabe bātii lamāaf tamsāfamu madda bēkumsa gahā wāhē warra Shanan Gibē akka isinīf tahu abdī guddā qabna. Itti Dhihādhā!

SE7. EP105 J. Abdīsā Wolīn Marī Wāhē Warra Oromiyā Salālē Gaggēssine Kutā 3ffā(māyyī) 15.04.2023

Amna torban lama dura gama Oromiyā Salālē ēgalle qophī torban kanān xumurra. J. Abdīsān wān bāyyērrā gad-fagēnyān hūbannōta nūf lāta. Itti dhihādhā!!

SE7. EP104 J. Abdīsā Wajjin Marī Wāhē Warra Oromiyā Salālē Gaggēssine Kutā 2ffā 08.04.2023

Torban kanas turtī J.Abdīsā wojjin torban dabre ēgalle itti fufna. Dhihādhā !!

S7. EP.103 J. Abdīsā Wajjin Marī Wāhē Warra Oromiyā Salālē Gaggēssine Kutā 1ffā. 01.04.2023

Amni kiyya torban kana gama warra Tūlama nān dhaqa. Kēssummā keenya, J. Abdīsā walīn ādā, sēnāfi argā-dhagētti warra Salālērrā ballinān marihachū ēgalla. Nurrā hinhafinā!

SE.7 EP.102 Marii Hayyuu Hawaasaa-Seenaa-Aadaa Obb. Buttaa Dafii Wajjin Gaggeessine Kutaa 2ffaa(Maayyii) 25.03.2023

Torban kanas marii Jaal Buttaa Wajjin jalqabne itti funa

Listen to the ILMAORMAA podcast in Replaio

Radio and podcasts in one app - free, with no sign-up. Install today and do not miss the launch

Get it on Google Play

Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.