Ilmaormaa

ILMAORMAA

Society OM ↓ 284 episodes

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

Author

Ilmaormaa

Category

Society

Podcast website

podcasters.spotify.com

Latest episode

Jul 9, 2026

Where to listen?

Podcasts in the app Replaio Radio Coming soon

Podcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts

Get it on Google Play Install for free Android 5M+ downloads · 4.8 rating iOS soon

Episodes

Ep. 288 Mootiin Itoophiyaa "Duula Hormuuz Bansiisuuf Humna Bahaaraafi Komaandoo Erguuf Qophii"Jadhe | 22 Mar 2026 09.07.2026

Qophii kana keessatti; Kuubaafi rakkoo keessa jirtu, Torban kana Lola Ameerikaa-Israael Iiraan irraatti gaggeessaa jiran irraa odeessa ijoo, Warri Baido'a(South West Somalia) mootummaa Moqaadishoorraa of kutuusaani, Humni Waraanaa Faransaayi Keeniyaa seenuusaatifi gabaasa biroo kana fakkaatan kanbiraas gabaabsaan. Dhihaadhaa!

Ep. 287 Intalaa Hiikaa Takbiiraa(Allahu Akbar !Jachuun) Himaa Jiruu, Duubaan Boombiini Dhuka'e | 14 Mar 2026 06.07.2026

Kurfii gabaabdu kana gubbaatti: lola aduunyaa amma gaggeefamaa jirurfi Filmaata 7ffaa Itoophiyaan gaggeessuuf deemturraa yaada gabaabdu. Dhihaadhaa!

Ep. 286 Hiriirri Siyaasaafi Amantii Walitti Makamaa Jira Fakkaata | 7 Mar 2026 02.07.2026

Qophii kana keessatti taateewwan torban kana mullatan keessaa warra ijoo tahan irraa wolyayyaadachiifna. Dhihaadhaa!

Ep. 285 Haga Sirni Haaraa Dhaabbatutti Wolbarabadeessurraa Aduunyaan Kan Walqusattu Hinfakkaattu | 28 Feb 2026 29.06.2026

Qophii kana keessatti: Lola Ameerikaa-Israa'eel Iiraan irratti eegalan, Somaleen Xayyaara (Jeetti) Lolaa bitachuuf Pakistaaniin woliigalate, Israeel warri "Sufi-Axis" namarsee jira, anis "Hexagon-Axis " ijaarrachuun qabaa, Mootummaan Xoobiyaa "jaallatame-jibbamee, nutti cufame hinjiraannu" dhaadachuun lola labsite, Kanaaf kan biraallee isiniif qopheesseen jira. Dh...

Ep. 284 Warri Dhihaa Bifa Haaraan Aduunyaa Koloneeffachuuf Waltajjiit Ol-bahee Wal-waammate | 21 Feb 2026 25.06.2026

Kurfii kana keessatti, Waan "Munich Security Conference" gubbaatti dubbatame keessaa haga nulaallatu, Yakka daguuggii-shanyii ummata Darfur irratti raawwatameefi raawwatama jiru, Turkiyyeen Bahaara Somaaliyaa keessaa gaazaa baafachuu jalqabuu, Presidaantiin Somaliland duraanii yaada woligaltee godhamerratti dhiheessan Waan Senatorri Ameerika L. Graham waahee ummata Gaazaarraa dubbate, Am...

Ep. 283 Maaltu Deemaa Ture? | 14 Feb 2026 22.06.2026

Qophii kana gubbaat: Ziyaaraa warra Sa'uudi Arabiyaa gama Itoophiyaafi Eritiraa, Xalayaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Eritiraatti barreessite, Dubbiin Epstein, qaallicha Sulxaan Ahmed bin Sulayem  (mataa DP World) Imaraatii ture aangoo ariisifte, Seenaa gabaabsaan kan warra ambi kaayyoo addaaf ol-kaasate ittiin fayyadamtee deebiste lafaan dhoofte namoota kan akka Adnan Kashogii ( Mount Keny...

Ep. 282 Epstein "Kaayyoon Biraanuu Naggaa Shiftummaa Yoo Tahe Biran Jiraa"n Sun Maayyii Eessa Aante ? | 7 Feb 2026 18.06.2026

Qophii kana keessatti waan torban kana mummull'atan irraa: Hariiroo Liibiyaafi Pakistaan, Woliigaltee Turkiyyee fi Masrii, Mootummaa Trump fi Afrikaa( Nigeeriyaa, Suudaan fi DRC), Kora Parlaamaa Itoophiyaa Ammaa kana kan Maayyeessaa, Hariiroo gartuu Epstein fi Kubaaniyaa Itoophiyaa "Icog Labs" jadhamu jiddu ture , Epstein fi Biraanuu Naggaa, Kiswaa(Ka'aabaa) irraa muranii maaliif...

Ep. 281 Maaliif Isra'eel-Arabni Rakkoo Dullattii Isaan Jidduu Jirtu Gama Gaanfa Afriikaatti Fidan? | 31 Jan 2026 15.06.2026

Qophii kana keessatti taateewwan torban kana Gaanfa Afrikaa, biyyoota Arabaa, Kaanaadaafi Minnesoota keessatti mumull'atan gabaabsaan isiniin qooddanna! Dhihaadhaa

Ep. 280 Warri Gaanfa Afriikaa Gartuu Arabaa Lama Jalatti Adda-Qoodamee Daaraa Wolijjuuf Deemaa? | 24 Jan 2026 11.06.2026

Qophii (24 Jan 2026) kana keessatti: Haala Gaanfa Afriikaafi Biyyoota Arabaa keessatti mull'ataa jiran, Waan "World Economic Forum" gubbaatti dubbatame keessa dubbii ijoo, Baqatoota Yahuudaa Awuroopaarra Gama Baha Biiftuu Afriikaa keessatti qubsiisuuf tattaaffi garagaraa godhamaa ture gabaabsaan fi odeessa gaggabaaboo ka biraallee isiniif kurfeesseen jira. Dhihaadhaa!

Ep. 279 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 3ffaa | Breakneck: China's Quest to Engineer the Future | 21 Jan 2026 08.06.2026

Kutaa 3ffaa fi kamaayyii kana keessatti kitaaba Dan Wang barreesse, "Breakneck: China's Quest to Engineer the Future" irraa gabaabsaan warra haga hardhaa hindubbisnee garuu dubbisuuf hawwii qabuuf irraan xiqqoo dubbadha. Aangaawonni Ameerika irra jireessi Abukaatoota. Kun bu'aa-rakkoo maal fide? Aangaawoonni Shiinaa irra jireessi Injiinaroota. Kunis bu'aa-rakkoo maal fidee? Dhihaadhaa!

Ep. 278 Warri Arabaa Gaanfa Afrikaa Jeeqaa Jirti Fakkaata | 17 January 2026) 04.06.2026

Kurfii kana keessatti waan torban kana keessatti Gaanfa Afriika, Biyyoota Arabaafii Aduunyaa keessatti mumullatan keessaa warra faaydaa qabeessa irraa gabaabsaan dubbanna. Dhiihaadaa

Ep. 277 Kutaa 2ffaa| Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? |AI Automation & War :The Rise of Military-Tech Complex | 14 Jan 2026 01.06.2026

Kurfii kana keessatti kitaaba "AI, Automation, & War: The Rise of a military-tech complex" jattun gaggabaabsaan warra amma dura hindubbisneen walbarsiisa. Kitaaba kana keessatti:- Seenaa guddina teknoolojii jalqabaa kaasee haga AI amma jirutti,- seenaa hariiroo kubaaniyoota teknoologii fi dameelee waraanaa biyyaaleessaa, - tarsiimoo teknoologii mootummootni ittisa biyyaaf karoorfatan,- qoodni...

Ep. 276 Sa'uudi Arabiyaan Warra Imaraatii Irreen Yamaan Keessaa Tumtee Ariite | 10 Jan 2026 28.05.2026

Qophii gabaabduu kana keessatti: Mootummaan Saudi Arabiyaa humna Imaaraatii Yaman keessaa arihee baasuu Abbaan Irree aduunyaa qabeenya biyya ambaa dirree bahaatti kubaaniyaa biyya ofiitiif qooduu Aduunyaa gama bulchiinsa Neo-royalism jallataa jiraatu isiif kkf waliin qooddanna. Dhihaadhaa!

Ep. 275 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 1ffaa | The Importance of Being Educable A New Theory | 4 Jan 2026 25.05.2026

Kutaa duraa kan bara 2026 kana keessatti kitaabaa Leslie Valiant barreesse, "The Importance of Being Educable : A New Theory of Human Uniqueness" jatturraa qabiyyee isii gaggabaabsaan warra dubbisuu fedhu hamlachiisuuf akka gargaaru dubbanna. Dhihaadhaa

Ep. 274 Qabsoo Mirgaaf Gaggeefamu Hogganuun Jiruu Dhaabbataa (profession) Tahuu Hinqabu | 5 Dec 2025 21.05.2026

Qophii maayyyii kan bara 2025 kana keessatti: Ibsa KFOn waahee filmaata 2026 irratti baase, Waliigaltee gartuu FAANNOO fii Mootummaa Nannoo Amaaraa jidduu, Woyyaaneen akka humna siyaasaatti du'uu isii walitti himanii hirmii baafachuu, Haala Somaalee Minnesootaa keessaa, Waliigaltee Mootummaa Kongoofii Mootummaa Rwaandaa(Washington Accord), Abiyyii fii Badhaadhina, Qabsoon mirgaafii gaggeeffamuu fa...

Ep. 273 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jiruu Faana Kaachuuf Ijibbaata Gochuutu Irra Woyyinnaa? | 28 Nov 2025 18.05.2026

Qophii kana keessatti haala jijjiirama aduunyaarratti mullataa jirurraatti hundaahuun siyaasaa Gaanfa Afrikaa yaada gabaabsaan. Dhihaadhaa!

Ep. 272 Xurree/Mala Haaraa Barbaaduutti Hagam Bobbaana? | 22 Nov 2025 14.05.2026

Qophii kana keessatti. Waahee COP30 Teknologiin weellee eegaluu, Murtii mootiin Ameerikaa lola Suudaan dhaabuuf fudhate Aadaa waan haaraa tolchuufii jijjiirraa barabaaduu, Aduunyaan huubannoota-hiikaa-kabajaa ilmanamaaf qara qabaataa turte jijjiiraa deemaa jiraachu isiitiif yaada dhuunfaa kabiraa Dhihaadhaa!

Ep. 271 Tohaannoo Abbootii Qabeenyaa Ormaa Jalatti Filmaatni Dantaa Eenyuu Tiksuuf Gaggeeffamaa? | 14 Nov 2025 11.05.2026

Qophii kana keessatti,-Odeessa gara-garaa: Tanzaaniyaa, Suudaan Ugandaa, COP30,- Yaada dhuunfa filmaata 2026 gaggeefama jadhamee eegama jirurratti Dhihaadhaa!

Ep. 270 Biyya Tujaaroota Aduunyaan Weeraramaa Jirtu Keessatti Ummatni Akkamiin Ofdandamaa? 28.12.2025

Kurfii kana keessatti: Waahee "filmaata" dharaa Tanzaaniyaa keessatti gaggeefame, Lola Suudaan keessatti deemaa jiru, Haala Biyyootiin Afriikaa Bahaa Biifu jiran Abbootii qabeenyaa alaatiin dhunfatamuu, Itiyoophiyaa keessatti sochii akkam jiraa yoo gaggeessan / bifa akkam jiraan yoo ijaaraman dhiibbaafii miidhaa abbootii qabeenyaa ofirraa xiqqeessaa, qabeenya isaaniirraa faydeeffachuun dandahama?...

Ep. 269 Biyya Jaarmayaaleen Siyaasaa Ummata Keessaa hinmaddinetti, Filmaata Maaliitu Gaggeeffama? | 31 Oct 2025 24.12.2025

Qophii torbsn kanaa keessatti waahee jaarmayaa siyaasaa, jaarmayaa aadaa filmaataafi Autocracy irratti yaada dhuunfaa isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!

Ep. 268 Warri Imaraatiis Afriikaa Qircaturratti Hirmaataa Jiran Moo Akkamii? | Kutaa 3 | 24 Oct 2025 21.12.2025

Qissaa warra Imaraatii kurfii sadaffaafi ta maayyii kana keessatti bobbaa isaan gama Afriikaa biyya hedduu keessatti itti jiraniifi kitaabaa, "Anarchy" jadhamtu ka seenaa "British East India Company" irraa dubbatturaa waannin argadhe gabaabsaan yaada dhuunfaa kiyyaa waliin mammakeen isiniin qooddadha. Warri Caqasuu Feetan Dhihaadhaa!!

Ep. 267 Warri Imaraatii Yoom - Maaliif Dantaa Biyyoota Biraatti Harka Naquu Eegalte? | Kutaa 2 | 20 Oct 2025 17.12.2025

Kurfii lammaffaa kana keessatti jijjiirma mootummaan Imaraatii bara 1971 irraa eegaltee keessa qaxxaamurte gabaasaan yaada/huubannoota dhuunfaa. Dhihaadhaa!

Ep. 266 Mootummaan Imaraatii Maaliif Gama Itoophiyaa Fuulleeffatte? | Kutaa 1 | 17 Oct 2025 14.12.2025

Kurfii duraa kana keessatti waahee Warra Imaraatii yaada dhuunfaa gabaabsaan. Dhihaadhaa!

Ep. 265 Mootummaa Imaraatii Jalatti Dahatuun Mootummaa Itoophiyaa, Biyya Eessaan Dhaqaan? | 10 Oct 2025 10.12.2025

Kurfii torban kanaa keessatti hariiroo Mootummaa Itoophiyaafi Mootummaa Imaraatii jidduu deemaa jirturratti yaadaafi seetti dhuunfaa isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!

Ep. 264 Siyaasaa Dulloomee-Shamee Barri Itti Dabre "Shaabiyaa", "Woyyaanee"fi FAANNO Waliin Dhama'a 07.12.2025

Kurfii kana keessatti: Waan siyaasaafi nageenya Gaanfa Afrikaa, Haala diinagdee fii Siyaasaa Xobiyaa, Bifa jiruu-jireenya ummata Xobiyaa, Sochii humna qawween aangoo qabachuuf abjuun fiigamuufi waan isaan fakkaataarratti yaada dhuunfaan isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!

Listen to the ILMAORMAA podcast in Replaio

Radio and podcasts in one app - free, with no sign-up. Install today and do not miss the launch

Get it on Google Play

Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.