Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
Ep.263 Siyaasaan Itiyophiyaa Akka Keniyaa Moo Halayyaa Somaliyaafi Suudaan(Kaabaafi Kibba) Of Darbanitti Qaariyaa Jira? 03.12.2025 46:10
Kurfii Hardhaa kana keessatti: Haala naannoo Gaanfa Afrikaa fi naannoo Arabiyaa Haal biyyoota Nepal, Argentina fi Suudan Kibbaa keessatti mumullataa jiruufii, Hujii mishaa Abiy Ahmad Ali raawwataa jirurraa, Lammiin biyyaa akka namaatti kabajaa dhabuufi serri bakka dhabuuf kkf gabaabsaan yaada dhuunfaa Dhihaadhaa!
Ep. 262 Oromoon Hidhaa Sammuu Cabsuun Seenaa Xobiyaafi Kan Gaanfa Afrikaas Qajeelfataa Jira 30.11.2025 42:47
Qophii torban kanaa keessatti gabaasa gara-garagaraa aduunyaa keessatti mullateefii qabsoo haqaa kan mirgaafi seenaa dhugaaf gaggeefamurratti yaada kiyya gabaabsaan. Dhihaadhaa!
Ep. 261 Gaanfi Afrikaa Dachii Sanyyiin Ilmanamaa Cufti Irratti Walgahe, Garuu Marti Wolwaakkata 26.11.2025 36:17
Siyaasaa kaluu tana deemaa jirtuufi seenaarratti yaada dhuunfaa gabaaduu. Dhihaadhaa !
Ep. 260 Ummatni Hiyyeessi Mirgas -Biyyas Hinqabu 23.11.2025 28:19
Yaada dhuunfaa gabaabduu waan mirgaafi biyya fakkaatarrattiDhihaadhaa!
Ep. 259 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jirtu Faana Kaatuun Yoo Dadhabame, Aduun Namatti Dhiiti 16.11.2025 32:49
Teknoolojiin shaffisaan jijjiiramaa jira. Teknoologii waliinis hawaasni jijjiiramaa jira. Qabsoon haqaaf, mirgaafii wlaqixxummaaf gaggeefamtu ilma namaa hundaafi umamaaf dhaabbachuu qabdi. Sana gochuu hanqannaan aduun itti dhiiti. Dhihaadhaa!
Ep. 258 Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTO, " Biyyi Sun Kufaatii Hamaatti Deemaa Jirti " | 1/1 24.09.2025 1:55:01
Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTOn, taateewwaan yaroo ammaan tana X0obiyaafi naannoo Gaanfa Afriikaa keessatti mumull'atan irratti yaadaafi yaaddoo qabu balli'inaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!
Ep. 257 Korri "Kufaatii Abiyyiin Booda" Sirna Ijaaramurratti Marihate Karoora Akkam Jiraan Gadbahe? 17.09.2025 37:15
Qophii kana keessatti waan murni tokko "kufaatii Abiyyiin booda" Irratti marihachuuf kora walwaame tureefi ibsa korri sun dabarserratti fi haala amma jirurratti yaada dhuunfaa gabaadu. Dhihaadhaa!
Ep. 256 "የኦሮሙማ መንግሥት - Mootummaa Oromo" Kan Jadhamee Hamatamufi Himamu Dhugoomsuuf Ragaan Jira?! 10.09.2025 1:03:44
Waggoota torban dabran keessatti xurree heddurraa himannaan ተረኞች, ባለጊዜ, የኦሮሙማ መንግሥት, Oromoon masaraa seenee jiraa fi ka jiru mootummaa Oromooti jadhamee ballinaan hoggu himamu dhagahaa hardha geenye. Bara 2025 "mootummaa harkaa qaban" yookaan "mootummaa harkaa qabna" jachuun qoma dhiibanii dubbachuun kan dandahamu yoo warra furtuu diinagdee biyyaa bifa hedduun of- harkaatti galfatan adda baasanii...
Ep. 255 Mormituun ብልፅግና Ajandaa Diinagdee Dalagaa Heddummeessee Hiyyummaa Xiqqeessu Kam Harkaa Qabdi? 03.09.2025 46:19
Barri 2025! Mormitootni mootummaa ብልፅግና aangoorraa buusaan ofiif biyya bulchuuf carraaqan sagantaa diinagde kan ብልፅግናn hordofaa jirtuun adda tahe maal qopheeffatani qabu? ብልፅግና aangoorraa darbanii mootummaa ofii ijaaruuf hagam qophii qabu? Moo akkuma barame gaaffii "bara achi geenye deebisnaa" kijiba dulloomte naanneessaa jiru? Hogguu mootummaan ብልፅግና kuftu warri biyya bulchuuf qophaahe eenyuufaa?...
Ep. 254 Bara 2025 Keessatti Gartuun Oromoo Ertiraafi Woyyaaneen Woldhaqee Lola Yoo Seenuu Bu'aan Eenyuuf? 31.08.2025 35:36
Ummatni gurraachi bara 2025 yoo waraana wolitti labse, eenyutu dhaqqabaan? Eenutu irraa faaydaa argachuuf jiraata? Oromoon bara kana Woyyaanee fii Shaabiyaaf tumsuun maal bu'aan isaa?
Ep. 253 Yesriba Abdulhalim Irraa Seenaa Maatii Al-Faqi Ahmed Umer fi Xariiqaa Tijjaaniyyaa | 1/1 24.08.2025 1:19:00
Yesriba Abdulhalim Ahmed Umer seenaa Xariiqaa Tijjaaniyyaa(Ahmadiyyaa) fii seenaa maatii isaanirraa gabaabsaan nuunqooddattiDhihaadhaa
Ep. 252 Aangoorra Turuuf Nama Isa Tinn'isu Barbaada; Kaanis Nama Naannoosaa Amana - J. Ahmed | 2/2 20.08.2025 2:12:55
Kurfii lammaffaafi tamaayyii tana gubbaatti, J Ahmed; Muudannoo hidhaa Dargu keessaa Taateewwaan bara Mootummaa Cehumsaa Tattaaffii ABOn biyyoota ollaafii biyyoota Arabaa keessatti qabsoo bilisummaa finiinsuuf gaggeessaa tureefi seenaa heddu kabiraa ballinaan nuunqooddatu.
Ep. 251 J. Ahmed Ajmal -1960ta Keessa Maqaa Oromoon Somaaliyaa Keessatti Kan Sossohu Hinturre | 1/2 17.08.2025 1:29:44
Kurfii duraa tana gubbaatti, Jaal Ahmed ijoollummaarraa kaasanii biyya Somaalee, Keniyaa, Suudaan, dirree qabsoo Dhiha Biiftuu Oromiyaa keessatti bobbahuun haga harka diinaarratti kufan jiddu waan keessa qaxxaamurani taateewwaan isaan mudatan mara nuun qooddatu. Dhihaadhaa!
Ep. 250 Ob. Jawad Abbaabiyyaa Abbaabor - Itti ukkaamsii Qabii- Mee Haabahuu | 3/3 13.08.2025 1:32:10
Kurfii sadaffaafi maayyii kana keessatti Obb. Jawad seenaa qabsoo diddaa naanno Jimmaatti gaggeefamaa turee fii qissaa Jimmaa garagaraa nuun qooddatu. Dhihaadhaa!
Ep. 249 Qissaa Sulxaan Abbaajoobir Xilyaanii Deemuun Mussoliniin Walarguusaani - Obb. Jawad | 2/3 10.08.2025 1:04:57
Ob. Jawad bakka kurfii duraa dhaaberraa eegalee , seenaa mootummaa Jimma, bulchiinsa Abbaa Joobiirraa eegalee; Seenaa masjiida Makkaatti ejaarame, Iyyannaa mootummaa Ingiliiziitti ergame, Iyyannaa mootummaa Xiliyaanitti ergame, Bara waraanaa, jiruu bara Xiliyaaniifi qissaa danuu kan biraa nuun qooddata Dhihaadhaa !!
Ep. 248 Abbaa Joobiriin Mootii Tahurraa Eenyutu Hoongeesse? Ob. Jawad Abbaabiyyaarraa | 1/3 06.08.2025 1:49:29
Qophii duraa kana keessatti obbo Jawaad qissaa mootoolii Jimmaafi Kan Shanan Gibee waan abaabilee isaanirraa debraa-dabarsaan isaan bira gahee hunda tokko-tokkoon waan yaadatan nuunqooddatu jalqabu. Dhihaadhaa!
Ep. 247 Dhiira Bobbaasnes-Galchinees. Bilisummaa Keenyaaf Jacha Muka,Qocaafi Karkarroo Nyaanne |1/1 03.08.2025 2:32:05
Kurfii kana keessatti hamba qabsaawoota, Jaal Raggaatuu Roobaan: Ijollummaa eegaltee qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qooda gumaachaa turte, Shamarraan qabsaawoota ka waliin dirree turaniifi qoodasaani, Jaallan heddu kawaliin qabsaawaa turanii, Deemsa qabsoo keessatti waan isiifi maati mudate keessaa kan yaadattu gaggabaabsaan nuun qooddatti. Dhihaadhaa!
Ep. 246 Bilisummaa Oromiyaaf Warraaquurraa Bilisummaa Oromoo Qofaaf Qabsaahuun Nun'sakaallee ? |9/9 30.07.2025 2:47:05
Kabjamoo hordoftoota keeenya, seenaan Jaal Woldeerraa barannuu xumura geesse. Kurfii sagleessoofi ka maayyii kana keessatti, Jaal Woldeen:- Qoqqoodamu ABO keessatti mull'ate ture,- Kora EritIraa keessatti ABOn gaggeeseefi waldhabbii hogganoota jidduutti uumame hiikuuf tattaaffii godhame,- Koloneel Irreessaa Caalaa waliin walargani yaada waljijjiirratan,- Garaagarummaa kaayyoo hogganoota ABO jidduu...
Ep. 245 "Amma Booda Qabsoon Oromoo Karaa Booleen Malee Karaan Baalee Hinjirtu " L. L. | 8/9 27.07.2025 2:24:37
Jaal Woldeen, kurfii sadeettaffaa kana keessatti;- Akkamiin akka biyyarraa gama biyya ambaatti dhiibaman,- biyya ambaa keessatti caasaa ABO ijaaruuf carraaqqi godhaa turan,- Warra adii wajjiin qabsoo Oromoo tinnisuuf tattaaffii godhamaa ture,- Jaal Galaasaa wajjin akkamiin akka hojjataa turan- Haga bara 1998 ABO fi miseensoonni isaa biyya alaa keessatti haala kam fakkaataa keessa akka turaniif taa...
Ep. 244 Bara Mootummaa Cehumsaa(Chaartaraa) Qaamni Murteessaan ABO Leencuma Lataa Qofa Turee? | 7/9 23.07.2025 2:03:57
Huubachiisa! Jaal Woldeen hogguu daawwattan doggora lamaan armaan-gad tarreefaman akka qajeelfattan kabajaan isin huubachiisu.1. Daqiiqaa 45:16 irratt kan "Laga Wahiib" jadhan dogoggora. Qajeelaan "Laga Shaayyaa".2. Sa'aa 1:06:36 irraatti kan "magaalaa Gaasaraa" jadhan doggoggora. Qajeelaan " Magaalaa Agaafraa".Fayyaa tahaa!***********************************************Kurfii torbeessoo kana kees...
Ep. 243 Rakkoo Jaallan Maadhee Shaggar Turte Jidduutti Argame furuuf Namni Dirreerraa Ergame | 6/9 20.07.2025 1:45:06
Kurfii 6ffaa kana gubbaatti J Woldeen jaallan magaalaa keessatti hafan- Hogganootni magaalaa gad-dhiisanii hoggu deeman haala ture,- Warra dirree jiru tinnisuuf carraaqqii godhama turan,- Tattaaffii Jaallan magaalaa keessatti hafan of deebisanii gurmeessuuf godhaa turan,- Rakko kamtuu J. Muheen dirreerraa akka Shaggar dhufu sababaa taateef,- Erga DARGUUn hidhaatti isaan guuree booda hariiroo dhaab...
Ep. 242 "Qabsoon Oromoo Han Keessaa Bahuu, Qaweedhaan Odoo Hintaane Qabsoo Gitaatiin" | 5/9 16.07.2025 2:29:17
J. Woldeen Kurfii Shanaffaa kana keessatti;- Yuunivaarsitiitti deebi'anii barnoota isaanii xumuruu,- Qabsoo keessatti dhoksaan qooda ofii gumaachuu,- Hujii mootummaa gazeexaa Bariisaa gulaaluu eegaluufi taateewwan heddu kan gadaa sanii ballinaan nuunqooddatu. Dhihaadhaa!
Ep. 241 Qawwee, Boombii fi Rasaasa "Saamunaa Nawu" Jannee Makiinaatti Feenee Baaleetti Ergine | 4/9 13.07.2025 2:28:22
Jaal Woldeen kurfii afreessoo kana keessatti,- Barnootaaf yuunivaarsitiif Shaggar deemuufi haala 1970ta keessatti mullachaa ture,- Yuunivaarsitii keessatti diddaafi warraaqsa barattootni gaggeessaa turan,- Qabsaawootaafi hogganoota ABO waliin quunnamtii eegaluu,- Jaal Magarsaa waliin obbolummaafi jaallummaan waan waliin hojjachaa turan,- Idigaat Bahibraat Zamachaaf naannoo Wallootti bobbahuu,- Dir...
Ep. 240 "Gaallinyaa" Mana Barnootaa Keessatti Dubbachuun Dhorkaa Ture - Adabni Dhaanicha | 3/9 09.07.2025 3:16:13
Kurfii Sadaffaa kana keessatti Jaal W. Hurrisoon :- waggaa 65 dura ganda guddatan keessatti manni barnoota sadarkaa dura akkam ture? Barsiisaan beekumsa hagami qabaataa ture?- Gadaa san barattoota sadarkaa 1ffaa jiraniif carraan hojii waan akkam jiraafaa ture?- Haala Leenjiin Bariistoota Dabra Biraanitti gaggeefamaa ture,- mana barnootaa sadarkaa duraarraa eegalee, leenjii barsiisummaaf sanduubatt...
Ep. 239 J. Woldee- Ijoollee Herrega, Waayaadachuufi Maldhahuufaa Akkamiin Akka Barsiisaa Turan | 2/9 06.07.2025 2:54:24
Kutaa lammaffaa kana keessatti Jaal Woldeen - uumama ijoollummaa isaaniitti argaa guddatan;- Ummatni akkamiin guyyaa bakka bakkatti qoodee gurmeeffataa ture;- Warri Tuulama akkamiin jireenya isaanii gaggeefataa turanii ?- Warri Tuulama ijoollee akkamiin manatti waan gara-garaa barsiisaa turan?- Warri ofii lafa hinqabne, warra Abbaalaafaaf maalfaa akka dalagaafii turan;- Warri Tuulama aadaasaanii d...
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.