Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
Ep. 238 Jiruu-Jireenyi Warra Tuulama Waggaa 80 Duraa Arsii Keessatti Akkas Ture -J. Woldee | 1/9 02.07.2025 1:59:29
Maanguddoo W. Hundee Hurrisoon seenaa waggaa 75 duraarraarraan eegaluun argaa-dhageetti warra isaanii fi kahaawaasa ball'aa akkasumas mudannoo mataasaanii qophii duraa kanaan nuun qooddatu jalqabu. Dhihaadhaa!!
Ep. 237 J. Abdiisaa - Bobbaa Biyyoota Ollaa Keessatti IBSO Jalatti Gaggeessaa Ture | 2/2 29.06.2025 2:17:05
Kutaa lamaffaa fi maayyii kana gubbaatti, J. Abdiisaan: Erga biyyaa dirqamee bahee booda Somaaliyaa keessatti qabsoo IBSO jalatti gaggeessaa ture; Eirtraa keessatti ijaarsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromia keessatti qooda IBSO fii mootummaa Eritiraa wajjin qindoominaan dalagauuf karoora baafatn; Humna waraanaa ijaaruuf Suudan Kibbaan Dhihaa Xobiyaa seenuun tattaaffii godhaa ture, Taateewwan Ke...
Ep. 236 J. Abdiisaa - Seenaa Salaalee fi Qabsoo IBSO Jalatti Biyya Keessatti Gaggeessaa Ture | 1/2 22.06.2025 2:03:38
Qophii duraa kana jalatti J. Abdiisaan; Jiruu-jireenya ummata keessatti dhalatee guddate, kan warra naannoo Salaalee gabaabsaan, Bara dargagummaasaa Deemsa siyaasaa biyyaa keessatti mumull'ataa ture; Seenaa Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromo(IBSO) gabaabsaan, Qabsoo IBSO jalatti biyya keessatti taasifamaa ture fi sababaa saniin waan isa mudate nuun qooddata. Dhihaadhaa!
Ep. 235 Injinaar Qorichoo : Jiruu -Jireenyi Ganda Warra Tuulamaa Arsii Keessatti Akkam Ture? | 1/1 15.06.2025 1:29:31
Warri Tuulamaa Arsi Qubate Cufti Nafxanyaa ykn Angaachii Ras Daarge Turanii? Ijinaar Qorichoon qophii kana keessatti seenaa warra Tuulamaa gama Arsiitti siqanii jiraataa turan keessa kan ganda warra inni irraa dhalatee fi keessatti guddateerraa waan yaadatu gabaabsaan nuun qooddata. Dhiihadhaa!
Ep234 "Wolqixxee, Wolfixxe! " Jadha J. Magarsaan Waahee Gartuulee ABO keessaa Hoggu Yaadatu | 4/4 11.06.2025 2:11:16
Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Magarsaan,Seenaa qabsoo ABOn hogganamaa turte erga Moqaadishootti Jaal Galaasaan itti gaafatamummaarraa kaafame kaasee rakkoolee fi waldhabbii deemaa turee fii waan isas mudate mara nuun qooddata. Dhihaadhaa!
Ep233 Jaal Magarsaarraa Faca'iinsa Chaartaraan Boodaa fi Bobbaa Biyyoota Ollaa Keessatti | 3/4 08.06.2025 2:02:26
Kurfii sadeessoo tana keessatti Jaal Magarsaan: Erga ABOn mootummaa cehumsaa baheen boodatti, lolaafi rakko isa mudatan; Biyyoota Ollaa keessatti dirqama dhaabaaf bobbaa gochaa ture; Dirreetti deebi'uun waan keessa dabreefi waan arge; Moqaadishootti waamamee daquun haala wayta san achitti mumull'ataa turaniif seenaa kan biroo baayyee nuunqooddata. Dhihaadhaa!
Ep232 Jaal Magarsaa - Warri ABO "Ilmaan Abbaa Lafaati" Jachaa DARGUUn Ummatatti Himaa Ture | 2/4 04.06.2025 2:04:57
Jaal Magarsaan kurfii lammafaa kana keessatti bakka kutaa duratti itt dhaaberraa itti fufuun, Dirqama gara-garaa itti laatameen bakka adda addaatti ramadamee waan hojjachaa ture; Dirqama ummata keessatti akka dalaga itti kenname hoggu raawwachaa jiruu waan huubate; Kora Sabaa qopheessuuf tattaaffii godhamaa turee fi Haala Korri Sabaa itti gaggeefame; Haala qabsoon, qabsaawootnii fi dhaabni keessa...
Ep231 J. Magarsaa Ibsaa - " ABOn...Isinuu ajjeessanii, Takkaahuu Qawwee isinirraa Fudhatani" | 1/4 01.06.2025 1:59:33
Qophii duraa tana keessatti qabsaawaa ganamaa, Jaal Magarsaan ; Leenjii, hidhannoo fi muyxanno argachuuf waan keessa qaxxaamure, Haala fi bakka isaa fi waaheellen isaa ABOt makaman, Haala qabsoo fi qabsaawoonni yaroo duraa keessa turan, Barnoota siyaasaa fii heera ABOn kennamurraa qooda fudhachuu, Dirqama gara garaarratti bobbahuuf sochii godhaa ture, Haala qabsaawootni, ummatni fii dhaabni keessa...
EP230 J. Guysaa Galmoo Wajjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Godina Bahaa Keessatti Gaggeeffame | 1/1 25.05.2025 1:35:20
Jaal Guysaan ijoolummaarraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti seenaa dalagamee fi jaallan dirree san turan irraa waan yaadatu gaggabaabsee nuun qooddata. Dhihaadhaa!
Ep.229 Jaal Abbaabiyyyaa Abbaajabal Wajjin Seenaa Sabboonummaa fi Hawaasa Naannoo Jimmaa | 1/1 21.05.2025 1:55:21
Qabsaahaa hangafaa fi haftee qabsaawootaa kan tahan Jaal AbbaaBiyyaan marraa duraatiif miidiyaatti as-bahuun: Seenaa Sabboonummaan Oromo deebi'ee naannoo Jimmaa keessatti akka itti dagaage; Seenaa babball'achuu diinii Islaamaa naannoo Jimmaa keessatti; Mudannoo isaanii kan mana barnootaa Jimmaa fi Shaggaritti, yaroo Idigaat Zamachaa Idigaat Bahibraat fi mana hidhaa Karchallee keessatti; Malaas Zee...
SE10 EP228 J. Kamal - Silaa Hogganni Dursee Karoorfate, Hamma Gimbiit Numa Dhuunfanna ture | 1/1 18.05.2025 2:21:41
Jaal Kamal Qalbeessaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa Dirree Dhihaa keessatti gaggeefamaa turee fi kan inni jalqabarraa kaasee qooda keessatti fudhataa fii hogganaa ture keessaa waan yaadatu gabaabsee nuunqooddata. Dhihaadhaa!!
SE10EP227 "Hoggana Kana Jalatti Gargar Caccabuu Malee ABOn Hinguddanne " -- J. Atoomsaa | 4/4 14.05.2025 1:20:01
Kurfii maayyii kana keessatti, Jaal Atoomsaan gaaffiilee gabaaboof deebi nuuf laata, qabsoo hadhooftuu amma dura gaggeefamee fi injifannoo argamerraatti waan isa gammachiisu-sheeneessu, hawaasaaf waa dhaammata nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP226 "Ijoolleen Sikkoo-Mandoo Tokko Osoo Hinhafin Dhaaba keessaa Bahan" J. Atoomsaa | 3/4 11.05.2025 2:25:27
Kurfii Sadafaa kana keessatti, Jaal Atoomsaan; qooda inni ABO keessatti qabaataa ture, bifa kamiin leenjii fi ijaarsan waraana qindeessaa turan, erga biyya ambaa bahaanii boodatti waan isaan mudate, gargar caccabuu ABO, erga biyya Somaalee seenanin booda haala haarayaa dhaaba keessatti mumullachuu eegale, lola Baaydhaboo fii wareega ulfaataa kafalamee ABOn maaliif Shaabiyaa waliin deebi'ee har...
SE10 EP225 J. Atoomsaa Roobaa - "Waraana Toora Kuma Kudhashan Kaampii Sadiitti Galchine" | 2/4 07.05.2025 1:46:58
Qophii lammaffaa kana keessatti Jaal Atoomsaan bakka qophii duraa dhaaberraa eegalee seenaa bara Chaartaraa fii erga Chaartaraa bahanii dirreetti deebi'an isaan mudate nuun qooddata seenaa guyyaa Jaal Mullis Gadaa gama ABOtti debbi'ee gaaffii magaaloota Dirree Dhawaa fii Jijjigaa walitti bu'iinsa human Woyaane woliin ture fii jaallan ABOn wareegaman "Tripartite" Komitee fii w...
SE10 EP224 J. Atoomsaa - Ganamarraa Eegalee ABOn Iccitii fi Shakkii Warra Golaa Sakaalame | 1/4 04.05.2025 2:02:23
Seenaa Jaal Atoomsaa K. Roobaan nuun qooddate kurfii afuritti qoodeen qopheesse. Kurfii duraa kana keessatti, Jaal Atoomsaan seenaa qabsoo Godina Bahaa nuun qooddatu keessatti; Oromoota hedduu waliin biyya ollaatti bobbahuun leenjii fudhachuu fii achii ol-dacha'anii hidhannoo argachuu, leenjii fii hidhanno waliin Waraana Jaarraa, Mullisii fi Bobbaasaan hogganamaa turetti makamuu, ijaarsaafii c...
SE10 Ep223 Jaal Bohaarsituu Obsaa - Qooda Artiistootaa Qabsoo Keessatti | 1/1 27.04.2025 1:04:36
Jaal Bohaarsituun qophii tana keessatti;- yoomii fi akkamiin hawwisootti akka makamte,- qooda isiifii miseensootni Hawwisoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qabaachaa turan,- ayyaana Odaa Bultum irraa waan yaadattu,- biyyaa Jabuuttiitti bahuuf dirqamuu,- mana hidhaa Woyyaanee keessatti waan dabarsite,- miseensoota hawwisoo waliin tattaaffii Shaggaritti Waldaa Macaa fii Tuulama jalatti godhaa t...
SE 10 Ep222 Seenaa Qabsoo Bilisummaa ABOn Hogganamaa Ture J. Bobbaasaa Gadaarraa | 1/1 20.04.2025 2:11:53
Jaal Bobbaasaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa ijoollummaa isaarraa kaasee waan yaadatuufii mudannaa dirree qabsoo ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP221 Jaal Tigist Ayyaano - Seenaa WBO fi Dubartootaa Dirree Dhihaa Keessatti | 1/1 13.04.2025 1:18:15
Jaal Tigist qabsoo bilisummaa Oromiyaatti Godina Dhihaatti erga makamtee kaasee waan keessa dabarte fii seenaa WBO fii dubartoota miseensa ABO yaroo san turan irraa waan yaadattu gabaabsaan nuun qooddattiDhihaadhaa!!
SE10 EP220 "Aadaakee Yoo Dhiifte, Adawwiin Sidhaala" -- Weellisaa Kadir Sa'iid | 2/2 06.04.2025 2:19:36
Weellisaa jaalatamaan Kadiir Sa'iid kurfii lammaffaa fii kamaayyii kana keessatti, ijoollummaan gaafa loon tiksurraa kaasee haga Ameerikaa waltajjii Oromoo gubbaatti hujii qooqasaa miidhaagaa saniin dalagaa tureefii waggoota dheera kana keessatti mudannoo keessa dabre hunda takka-takkaan nuun qooddata. Kurfii kana keessatti, Qooda "artii"n Oromo aadaa, afaan, seenaa fii qabsoo Oromoo jiraachisuufi...
SE10 EP219 Seenaa Qooda Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoo Bilisummaaf - J. Aanaa Bareentoo Irraa | 1/2 30.03.2025 1:56:58
Jaal Aaanaa Bareentoon kurfii duraa kana keessatti ; Jalqaba ijaaramuu Hawwisoo Caffee Gadaa Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Bara Mootummaa Cehumsaa carraaqqii hawwisoon Caffee Gadaa ummataa fii WBO kakaasuufii dammaqasuuf taasiisaa turte Mootummaa Cehumsaa keessaa ABOn dirqamee baafamnaan miseensoonni Hawwisoo gariin dirree qabsootti bobbahuu Dirree qabsoorraa gama biyya ollaatti bobbaafamuu Bi...
SE10EP218 J. Quubsaarraa Seenaa ABOn Dirree Qabsoo Lakkise Gama Biyyoota Ollaatti Taakkuu |3/3 26.03.2025 1:58:41
Kurfii maayyii kana gubbaatti, Jaal Quubsaan Haala 1997 fii 1998 dirree qabsoo keessa ture Erga biyya ollaatti taakkanii boodatti waan isaan mudate seenaa Kora Hatatamaa biyya ollaatti hogguu gaggeefamu ture seenaa gama Eritiraa hogganni godaanuu waraanni Somaaleerra bobbahee akkamiin akka hoongahee J. Galaasaan fedhiisaatiin aangoo gadhiisuuf iyyata dhiheessuu Wareegama Jaal Mullis Gadaa Haala Ji...
SE10 EP217 Seenaa Qabsoo Bara DARGU ABOn Gaggeeffamaa Ture- Jaal Quubsaa Sabaarraa | 2/3 23.03.2025 1:11:14
Kurfii lammaffaa kana keessatti, Jaal Quubsaan Seenaa, Isaafii jaallan isaa Somaalee biyyatti dacha'ani jaallan dirree jiranuun wolitti dabalaman Dirree Bahaa keessatti bara mootummaa DARGU gaggeefamaa ture Haala jala bultii kufaatii Mootummaa DARGU mumullataa ture haala Mootummaa Cehumsaa keessatti qooda fudhachuufii seenaa kan biraa baayyee nuunqooddata. Dhihaadhaa!
SE10EP216 Jaal Quubsaa Sabaarraa Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa Ture | 1/3 16.03.2025 1:17:20
Jaal Quubsaa Sabaan kurfii duraa kana keessatti; seenaa haala jireenya ummata Oromoo naannoo inni keessatti dhalatee guddate seenaa fincila diddaa gabrummaa ummatni Oromoo naanno inni keessatti dhalatee guddate gageessaa turan carraaqqi isaafii waaheellan isaa qabsootti ida'amuuf godhaa turn haala gama biyyaa Somaalee isaan geesse taateewwan biyya Somaaliyaa keessatti isaan mudataniifii seenaa...
SE10 EP215 Jaal Gammachiiftu-Qooda Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Ollaafi Diree Keessatti | 2/2 09.03.2025 1:21:17
Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Gammachiiftuun, erga ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee baheen boodatti waan miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Mudate qabsoo miseensoonni Hawwisoo Caffee Gadaa kan dirreetti bobbahan gaggeessaa turan yaroof biyyarraa gama biyya ollaatti erga dirqamaan bobbaafanii booda qabsoo achitti gaggeessaa turan biyya ollaarraa arihamani waan isaan mudateefi haala qa...
SE10 EP 214 Jaal Gammachiiftu Urfoo Irraa Seenaa Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoof Gumaachite | 1/2 02.03.2025 54:13
Kurfii dura kana keessatti, Jaal Gammachiftuun; eegallii Hawwisoo Caffee Gadaa Bobbaa Hawwisoo Caffee Gadaan WBO fii ummata dammaqsuufi kakaasuuf godhaa turan Haala Gadaan Bultum itti kabajameefi taateewan bara Chaartaraa nannoo isiin sossoohaa turte keessatti mumul'ataa turan ball'inaan nuunqooddatti Dhihaadhaa!
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.