Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Be sure to visit the podcast's website and support the creator: podcasters.spotify.com
Author
Ilmaormaa
Category
Podcast website
Latest episode
Aug 31, 2026
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
SE10 EP226 "Ijoolleen Sikkoo-Mandoo Tokko Osoo Hinhafin Dhaaba keessaa Bahan" J. Atoomsaa | 3/4 11.05.2025 2:25:27
Kurfii Sadafaa kana keessatti, Jaal Atoomsaan; qooda inni ABO keessatti qabaataa ture, bifa kamiin leenjii fi ijaarsan waraana qindeessaa turan, erga biyya ambaa bahaanii boodatti waan isaan mudate, gargar caccabuu ABO, erga biyya Somaalee seenanin booda haala haarayaa dhaaba keessatti mumullachuu eegale, lola Baaydhaboo fii wareega ulfaataa kafalamee ABOn maaliif Shaabiyaa waliin deebi'ee har...
SE10 EP225 J. Atoomsaa Roobaa - "Waraana Toora Kuma Kudhashan Kaampii Sadiitti Galchine" | 2/4 07.05.2025 1:46:58
Qophii lammaffaa kana keessatti Jaal Atoomsaan bakka qophii duraa dhaaberraa eegalee seenaa bara Chaartaraa fii erga Chaartaraa bahanii dirreetti deebi'an isaan mudate nuun qooddata seenaa guyyaa Jaal Mullis Gadaa gama ABOtti debbi'ee gaaffii magaaloota Dirree Dhawaa fii Jijjigaa walitti bu'iinsa human Woyaane woliin ture fii jaallan ABOn wareegaman "Tripartite" Komitee fii w...
SE10 EP224 J. Atoomsaa - Ganamarraa Eegalee ABOn Iccitii fi Shakkii Warra Golaa Sakaalame | 1/4 04.05.2025 2:02:23
Seenaa Jaal Atoomsaa K. Roobaan nuun qooddate kurfii afuritti qoodeen qopheesse. Kurfii duraa kana keessatti, Jaal Atoomsaan seenaa qabsoo Godina Bahaa nuun qooddatu keessatti; Oromoota hedduu waliin biyya ollaatti bobbahuun leenjii fudhachuu fii achii ol-dacha'anii hidhannoo argachuu, leenjii fii hidhanno waliin Waraana Jaarraa, Mullisii fi Bobbaasaan hogganamaa turetti makamuu, ijaarsaafii c...
SE10 Ep223 Jaal Bohaarsituu Obsaa - Qooda Artiistootaa Qabsoo Keessatti | 1/1 27.04.2025 1:04:36
Jaal Bohaarsituun qophii tana keessatti;- yoomii fi akkamiin hawwisootti akka makamte,- qooda isiifii miseensootni Hawwisoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qabaachaa turan,- ayyaana Odaa Bultum irraa waan yaadattu,- biyyaa Jabuuttiitti bahuuf dirqamuu,- mana hidhaa Woyyaanee keessatti waan dabarsite,- miseensoota hawwisoo waliin tattaaffii Shaggaritti Waldaa Macaa fii Tuulama jalatti godhaa t...
SE 10 Ep222 Seenaa Qabsoo Bilisummaa ABOn Hogganamaa Ture J. Bobbaasaa Gadaarraa | 1/1 20.04.2025 2:11:53
Jaal Bobbaasaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa ijoollummaa isaarraa kaasee waan yaadatuufii mudannaa dirree qabsoo ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP221 Jaal Tigist Ayyaano - Seenaa WBO fi Dubartootaa Dirree Dhihaa Keessatti | 1/1 13.04.2025 1:18:15
Jaal Tigist qabsoo bilisummaa Oromiyaatti Godina Dhihaatti erga makamtee kaasee waan keessa dabarte fii seenaa WBO fii dubartoota miseensa ABO yaroo san turan irraa waan yaadattu gabaabsaan nuun qooddattiDhihaadhaa!!
SE10 EP220 "Aadaakee Yoo Dhiifte, Adawwiin Sidhaala" -- Weellisaa Kadir Sa'iid | 2/2 06.04.2025 2:19:36
Weellisaa jaalatamaan Kadiir Sa'iid kurfii lammaffaa fii kamaayyii kana keessatti, ijoollummaan gaafa loon tiksurraa kaasee haga Ameerikaa waltajjii Oromoo gubbaatti hujii qooqasaa miidhaagaa saniin dalagaa tureefii waggoota dheera kana keessatti mudannoo keessa dabre hunda takka-takkaan nuun qooddata. Kurfii kana keessatti, Qooda "artii"n Oromo aadaa, afaan, seenaa fii qabsoo Oromoo jiraachisuufi...
SE10 EP219 Seenaa Qooda Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoo Bilisummaaf - J. Aanaa Bareentoo Irraa | 1/2 30.03.2025 1:56:58
Jaal Aaanaa Bareentoon kurfii duraa kana keessatti ; Jalqaba ijaaramuu Hawwisoo Caffee Gadaa Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Bara Mootummaa Cehumsaa carraaqqii hawwisoon Caffee Gadaa ummataa fii WBO kakaasuufii dammaqasuuf taasiisaa turte Mootummaa Cehumsaa keessaa ABOn dirqamee baafamnaan miseensoonni Hawwisoo gariin dirree qabsootti bobbahuu Dirree qabsoorraa gama biyya ollaatti bobbaafamuu Bi...
SE10EP218 J. Quubsaarraa Seenaa ABOn Dirree Qabsoo Lakkise Gama Biyyoota Ollaatti Taakkuu |3/3 26.03.2025 1:58:41
Kurfii maayyii kana gubbaatti, Jaal Quubsaan Haala 1997 fii 1998 dirree qabsoo keessa ture Erga biyya ollaatti taakkanii boodatti waan isaan mudate seenaa Kora Hatatamaa biyya ollaatti hogguu gaggeefamu ture seenaa gama Eritiraa hogganni godaanuu waraanni Somaaleerra bobbahee akkamiin akka hoongahee J. Galaasaan fedhiisaatiin aangoo gadhiisuuf iyyata dhiheessuu Wareegama Jaal Mullis Gadaa Haala Ji...
SE10 EP217 Seenaa Qabsoo Bara DARGU ABOn Gaggeeffamaa Ture- Jaal Quubsaa Sabaarraa | 2/3 23.03.2025 1:11:14
Kurfii lammaffaa kana keessatti, Jaal Quubsaan Seenaa, Isaafii jaallan isaa Somaalee biyyatti dacha'ani jaallan dirree jiranuun wolitti dabalaman Dirree Bahaa keessatti bara mootummaa DARGU gaggeefamaa ture Haala jala bultii kufaatii Mootummaa DARGU mumullataa ture haala Mootummaa Cehumsaa keessatti qooda fudhachuufii seenaa kan biraa baayyee nuunqooddata. Dhihaadhaa!
SE10EP216 Jaal Quubsaa Sabaarraa Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa Ture | 1/3 16.03.2025 1:17:20
Jaal Quubsaa Sabaan kurfii duraa kana keessatti; seenaa haala jireenya ummata Oromoo naannoo inni keessatti dhalatee guddate seenaa fincila diddaa gabrummaa ummatni Oromoo naanno inni keessatti dhalatee guddate gageessaa turan carraaqqi isaafii waaheellan isaa qabsootti ida'amuuf godhaa turn haala gama biyyaa Somaalee isaan geesse taateewwan biyya Somaaliyaa keessatti isaan mudataniifii seenaa...
SE10 EP215 Jaal Gammachiiftu-Qooda Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Ollaafi Diree Keessatti | 2/2 09.03.2025 1:21:17
Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Gammachiiftuun, erga ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee baheen boodatti waan miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Mudate qabsoo miseensoonni Hawwisoo Caffee Gadaa kan dirreetti bobbahan gaggeessaa turan yaroof biyyarraa gama biyya ollaatti erga dirqamaan bobbaafanii booda qabsoo achitti gaggeessaa turan biyya ollaarraa arihamani waan isaan mudateefi haala qa...
SE10 EP 214 Jaal Gammachiiftu Urfoo Irraa Seenaa Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoof Gumaachite | 1/2 02.03.2025 54:13
Kurfii dura kana keessatti, Jaal Gammachiftuun; eegallii Hawwisoo Caffee Gadaa Bobbaa Hawwisoo Caffee Gadaan WBO fii ummata dammaqsuufi kakaasuuf godhaa turan Haala Gadaan Bultum itti kabajameefi taateewan bara Chaartaraa nannoo isiin sossoohaa turte keessatti mumul'ataa turan ball'inaan nuunqooddatti Dhihaadhaa!
SE10 EP213 Seenaa Qabsoo ABO Waajjira Yaman Jalatti Gaggeefamaa Ture - Jaal Muktaar Wojjin | 5/5 23.02.2025 1:31:31
Jaal Muktaar qophii tana keessatti qabsoo biyya Yaman keessatti gaggeefamaa turtee fii waan maayyiirratti isafi qabsaawoota mudatan nuun qooddata Dhihaadha
SE10 EP212 Jaal Muktaar- Seenaa Qabsoo Biyyaa Ollaa Keessatti ABOn Gaggeeffamaa Turte || 4/5 16.02.2025 37:18
Kurfii afreesso tana gubbaatti, Jaal Muktaar erga haalli dirqeenii biyyaa bahe booda biyyoota ollaa keessatti qabsoo gaggeefama ture keessatti qooda akkam jiraa fudhataa akka ture nuun qooddata Dhihaadhaa !!
SE10 EP211 Jaal Muktaar - ABOn Maallaqa Bara Cehumsaa Walitti Guuree San Garam Geesse? | 3/5 12.02.2025 40:10
Kurfii kana keessatti Jaal Muktaar kufaatii mootummaa DARGU irraa eegalee - qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABOn hogganamuu keessatti qooda inni qabaataa - hujii Damee Dinagdee ABO hojjataa turtee fii - taawwan kabiroo ka gadaa sanii ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!!
SE10 EP210 Jaal Muktaar - Lubbuun Ninbahaa Hinseene - Hidhaa Maakalaawwii fii Karchallee | 2/5 09.02.2025 1:00:34
Kurfii lammaffaa kana gubbaatti Jaal Muktaariifi jaallan isaa waliin turan erga qabamanii hidhaa Amboo seenanii eegalee, hidhaa Maakalaawwiifi hidhaa Alam Baqqaayyii- Karchallee keessatti amata 12 kan tahuuf waan isaan mudate mara nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP209 Jaal Muktaar - Gaafan Du'ee Oromoon Seenaa Kiyya Hima Jadheen Eeggachaa Ture | 1/5 05.02.2025 1:54:01
Jaal Muktaar Muummeen Qophii duraa kana keessatti ball'inaan; - haala kamiin gama moora qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABOn hogganamutti akka makame - haala yaroo san naannawa inne ture keessatti mumullataa turan irraa waan yaadatu - Dirree Bahaarraa akamiin dirqamaan gama Jiddu Galeessa Oromiyaatti akka bobbahan - seenaa jaallan qabsoo bilisummaa Jiddu Galeessa Oromiyaa keessatti finiisuuf bo...
SE10 EP 208 "Qabsoon Oromo Lafa Ofduuba Deebi'uu Hindandeenya Gahee Jira - Jaal Dhugaasaa | 6/6 02.02.2025 52:41
Kurfii maayyii jalla Dhugaasaa wojjjin haala Eritraarraa gara biyyaatti galuufii taateewwan heddu irratti marii gaggeesine kanatti marti keessanu Dhihaadhaa!
SE10 EP207 Odoo Kora Hatatamaa Hingaggeesine ABOn Ni Diigama Ture - J. Dhugaasaa Bakakkoo | 5/6 29.01.2025 52:03
Qophii tana keessatti - Kora Hatatamaa gaggeessuun bu'aa moo miidhaa fide? - Koreen himannaa bara Mootummaarratti Miseensoonni dhiheessan qorachuuf ijaaramate eessa aantee? - Hogganni ABO Eritraa qubatuun bu'aasaati moo rakko inni uumetu irra caala? Gaaffilee kabiroo irratti Jaal Dhugaasaan yaada isaa nuunqooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP206 Duulli "Qabsoo Hidhannoo Haalagannuu" Lafa Jalaan Oofamaa Ture - J. Dhugaasaa | 4/6 26.01.2025 51:13
Qophii kana keessatti Jaal Dhugaasaan: - Mootummaa Cehumsaa erga bahanii booda qabsoo akkam jiraa gaggeessan? - Bara 1997/1998 Maaliif dirree qabsoo dhiisani gama biyya ollaatti godaanan? - Haala Kora Hatatamaa bara 1998 fii seenaa hedduurratti yaadasaa nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP205 Waan Finfinnetti Deemaa Ture Nuti Murtiisaa Keessaa Hinqabnu -Jaal Dhugaasaa | 3/6 22.01.2025 49:22
Qophii kana gubbaatti, Jaal Dhugaasaan: - Jijjiirama bifa gara-garaa mootummaan DARGU gaggeessaa ture sun hagam qabsoo gaggeessaa turtan irratti dhiibbaa qabaata ture? - Lola humna warra AIBO wojjin godhamaa tureefii dhiibbaa inni fide - Mootummaa Cehumsaa keessaa erga ABOn baafame booda haala qabsoon hidhanno itti gaggeefamaa turefii seenaa heddu kabiroorratti yaadasaa nuunqooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP 204 Marii Jaal Dhugaasaa Wojjjin Gaggeessine [2/6] 19.01.2025 51:15
Kurfii tana gubbaatti: - Qabsoo hidhannoo(riphee-lolaa) gaggeessuuf qophiin gahaan godhamee turee? - Eegalumarratti waldhagahuu dhabuun jaallan jidduutti mumull'atan maaf furmaata dhaban? - Waldhaqiinsa dhabaafii gaga'ma moora qabsoo keessatti diirama mull'atan irraa akkamiin qabsoo dandamachiisan? Gaafiilee kanaafii kkf irratti Jaal Dhugaasaan yaadasaa nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE10 EP203 Marii Jaal Dhugaasaa Bakakkoo Wajjin Gaggeessine [1/6] 15.01.2025 50:55
Jaal Dhugaasaa Bakakkoo miseena qaama hogganan ABO fii haftee qabasaawoota wajjin marii kitaaba "Jalqabbee Qabsoo ABO fii Seenaa Oromo" irratti hundaahuun gaggeessina kutaa duraa. Dhihaadhaa!
SE10 EP 202 Marii Jaal W. Hundee Hurrisoo Wojjin 12.01.2025 1:29:52
Jaal W. Hundee Hurrisoo hangafa qabsaahaa fii haftee qabsaawoota waliin kitaaba " A Ten-Minute Mission: the least prize for freedom" barreessanitti hirkatuun marii gabaabdu gaggisne. Dhihaadhaa!
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.