Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Be sure to visit the podcast's website and support the creator: podcasters.spotify.com
Author
Ilmaormaa
Category
Podcast website
Latest episode
Aug 31, 2026
Where to listen?
Podcasts in the app Replaio Radio Coming soonPodcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts
Episodes
Guduunfaa Marsaa 9ffaa fii Dhaadheessa Marsaa 10ffaa 13.12.2024 14:28
Qophii gabaabduun tun guduunfaa marsaa 9ffaa fii dhaadheessa marsaa 10ffaaf.
SE09 EP201 Jaal Haayiluu wajjin Turtii Maayii | 9/9 10.12.2024 1:46:05
Jaal Haayiluu
SE09 EP200 Jaal Haayiluurraa Qabsoofi Jiruu Biyya Ambaa | 8/9 10.12.2024 41:28
Jaal Haayiluun
SE09 EP199 Jaal Haayiluurraa Seenaa Qabsoofii Haala Qabsaa'oota Keeniyaa keessatti | 7/9 09.12.2024 47:14
Kurfii kana gubbaatti Jaal Haayiluun taateewwan biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobi keessatti Miseensoota ABO fii ummata mudataa turan ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE09 EP198 Seenaa Qabsoo Erga ABOn Mootummaa Cehumsaa Baafaamee Duubatti- J. Haayiluu Wojjin | 6/9 09.12.2024 33:48
Kurfii Kana keessatti, Jaal Haayiluun hojii bara Mootummaa Cehumsaa hojjataman kan akka: Jila Oromoo godinaalee Oromiyaa garagaraatti bobbaasuun ummata wolbarsiisuu Woldaan Macaa fii Tuulama deebi'ee akka ijaaramu carraaqqii gochuu, Ayyaana guddicha Odaa Bultumitti kabajameerratti jilaa hirmaachisuu Ummanni Oromoo kum-dhibbeen lakkaawamuu marra duraatiif Shaggaritti Alaabaa ABO qabachuun gad-bahee...
SE09 EP197 Seenaa Qabsoo ABO Bara Mootummaa Cehumsaa - Jaal Haayiluu D. Gammadaa Wojjin | 5/9 08.12.2024 1:07:29
Jaal Haayiluun, kurfii kana keessatti: mootummaan DARGu jigdee ABOn magaalaa seenuu Dirqama dhaabaa fudhachuun barnoota adda-kutee qabsootti bobbahuu Caasaafii waajjira ABO Oromiyaa keessatti diriirsuuf bobbaa godhaman dhiibbaa Woyaaneen sochii ABO ugguruuf godhaa turte Jaarmayaalee fii woldaalee gara-garaa ABOn ummata keessatti ijaare Jila gar ABOn Mootummaa Cehumsaa dhiibamee baanaan Jaal Nadhii...
SE09 EP193 Jaal Haayiluu Gammadaa Waliin Seenaa Jiruu Oromiyaa Ijoolummaa Ofiirraa Kaasuun | 1/9 08.12.2024 44:52
Kurfii duraa kana gubbaatti Jaal Haayiluun: Ijoollummaasaa akka itti dabarse haal mana barnoota itti eegaleefi taateewwan mana barnootaa haala akkaan jabaa ilmaan hiyyeessaa barnoota argachuuf keessa qaxxaamuran barnootaaf Shaggar deemuun jijjiirama huubate Zamachaaf Gondaritti ergamuu fii waan seenaa qabeessa hedduu nuun qooddata -- Jigiinsa Mootummaa Abbaa Qorkee Itti dhihaadhaa!
SE09 EP 194 Jaal Haayiluu Gammadaa-Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa ABOn Gaggeefamaa Ture | 2/9 08.12.2024 40:18
Jaal Hayiiluun Kurfii tana keessatti: Dirqama ABO fudhachuun miseensoota magaaloota keessatti horachuuf carraaqqii godhamaa turan Hogganootaafi miseensootni ABO kan "Urban Wing" jalatti sossohaa turan DARGUn hidhaat guuruu Ofii Univaarsitii keessatti barataa ture keessa qabamee hidhaatti darbamuu fii woggoota dheeraa odoo mana murtiitti hindhihaatin hidhaa keessatti dararamuu jaallan fii qabsoowoo...
S09 EP196 Toora Woggaa Kudhaaniif Murtii Male Darara Mana Hidhaa DARGU Keessat | 3/9 08.12.2024 43:10
Jaal Hayiiluun qophii kana gubbaatti: rakkoo hamtuu mana hidhaa keessaa of jiraachisuufii qalbii ofiis tasgabeessuuf bifa hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaa keessatti tattaaffii godhaa turan Mana seeratti guyyaa tokko odoo hindhihaatiin torra woggaa kudhan guutuu erga mana hidhaa keessatti dararamee booda gad-lakkifamuu hidhaa bahee univaarsitiitti deebi'ee barnoota ofii xumuruuf yaalii inni godhe...
SE09EP189 Jaal Haayilu: Seenaa Hogganoota ABO hidhaa DARGU keessatti Wareegaman-Gabaabsaan | 4/9 30.11.2024 46:53
Qophii addaa kana, Jaal Haayiluu D. Gammadaan seenaa qabsaa'oota bilisummaa Oromiyaa warra mana hidhaa DARGU keessatti cubbuun ajeefaman yaadachuuf akka nu gargaaruuf kurfeesse. Jaallan qaqqaali mirgaaf odoo qabsaa'an cubbuun ajeefamaniifi warra hidhaa keessatti gannoota dheeraaf murtii mana seeraan male dararaman mara haa yaadannu!
SE09 EP159 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa ABO J. Bayaan Kadir (Jaal Hundee) Wajjin | 1/6 28.11.2024 25:27
Gaaffii eessaa kaanee as-geenye quubsaan deebisuuf qooda isaanii akka nuuf gumaachan jaal Bayaan Kadir(Jaal Hundee) affeerree turtii dheertu wojjin gaggeessine. Kurfii duraa tana gubbaatti, isaaniifi jaallan isaanii falammii mirgaarraa qooda fudhachuu eessaa fii akkamiin akka jalqaban nuun qooddatu. Marti keessanu dhiihaadhaa!
SE09 EP162 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Jaal Bayaan Kadir Woliin | 3/6 28.11.2024 30:14
Kurfii tana gubbaatti Jaal Bayaan taateewwan dirree qabsoo Baha Biiftuu Oromiyaa keessatti gadaa jalqabaa san mul'ataniirraa gabaabsaan nuun qooddatu. Maayyii, isaanii dirqama gubbaa jiranii harka mootummaa seenuun hidhaatti darbatamuun isaan mudatuurraa nuuf himan. Dhihaadhaa
SE09 EP195 Hogganni Amantii, Abbootiin Gadaafii Hayyoonni, Humna Oromo Walitti Hidhuun Amma | 7/7 28.11.2024 1:21:37
aal Dhugoomsaan qophii maayyii tana gubbaatti: seenaa kurfiilee amma duraa keessatti nuuqoodate irratti dabalata Gaaffiilee garagaraaf yaada dhuunfaa Gorsaa qabsaa'ootaa fii dhaamsa Dhihadhaa!
SE09 EP165 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa J. Bayaan Wojjin | 4/6 28.11.2024 42:13
Kurfii tana gubbaatti, jaal Hundeen bara Dargii taateewwan hadhooftuu mana hidhaa gargaraa keessatti jaallan heddu waliin isaan mudateefi akkamiin fii eenyuu waliin akka hindhaa keessaa miliqani lubbuu ofii baafachuu dandahan irraa dubbatu. Dhihaadhaa!
SE09 EP167 Eessaa Kaanee asgeenye? Seenaa Qabsoo Bilisummaa, Jaal Bayaan Kadir Wojjin | 5/6 28.11.2024 26:18
Jaal Bayaan, kurfii tana keessatti erga mana hidhaa Dargii baafatanii booda dirree qabsoo kamitti akka taakkaniif qabsoo keessatti bifa kamiin qooda akka gumaachaa turan nuun qooddatan
SE09 EP169 Essaa Kaanee Asgeenye?Jaal Bayaan Irraa Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa | 6/6 28.11.2024 51:56
Kurfii kana gubbaatti, Jaal Bayaan(Hundee) seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABOn hogganamaa ture irraa waan dhagahaa turre guduunfuuf yaalii godhu. Dhihaadhaa!
SE08 EP157 Seenaa Qabsoo Hidhannoo Jalqabaa - Abbaa Anaajinaa Wojjin | 5/5 28.11.2024 1:16:24
Kurfii tana gubbaatti Abbaa Anaajinaan seenaa kurfii afran amma dura tamsaasne nuun qooddatan irraa eegalun itti fufan. Dhihaadhaa!
SE09 EP192 Seenaa Qabsoo ABOn Erga Mootummaa Cehumsaa Dhiibame Baheen Boodat Gaggeefame | 6/7 28.11.2024 1:00:25
Jaal Dhugoomsaan: qabsaa'oonni erga dhaabni Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee bahe booda sochii godhaa turan, Boobbaa humna diinaa jalaa of-dandamuuf godhame Qabsoo deebisanii wolijaaruufii humna kurfeeffachuu Gumii Sabaa gaggeefame Wareegama qaqqaalii miseensoonnifi hoggani kafalan Kora Sabaa Hatatamaa gaggeefmaee fii waan qabsoo keessatti barasan mullatan mara nuun qooddata. Dhihaadhaa!
SE09 EP191 Jaal Dhugoomsaa Dhugaasaarraa Seenaa Qabsoo ABOn durfamu Bara Mootummaa Cehumsaa | 5/7 28.11.2024 45:36
Kurfii tana gubbaatti, jaal Dhugoomsaan : Sochii ABO woyta DARGUn jigu Jalqabumarraa kaasee TPLF wojjin wolitti gufatuun eegalamuusaa Hogganni gariin mootummaa Cehumsaa keessaa qooda fudhachuuf Shaggaritti ol-bobbahuu Waajira fulaa iddoo garagaraatti banachuu Filmaata gandaa gaggeefame wolitti bu'iinsi woyyaanee wojjin babballachuufi waajjiraaleen ABO cufamuu Koreen "liason" warra Eritiraa, warra...
SE09 EP190 Seenaa Qabsoo Erga Jaarraafii Leencoon Dirree Dhiisanii Deemani Haga Kufaati DARGU |4/7 28.11.2024 1:06:04
Kurfii kana gubbaatti Jaal Dhugoomsaan seenaa -Erga Jaarraafii Leencoon dirree dhiisanii deemanii booda jaallan hafan deebisani of ijaaruuf tattaaffii godhame Amna hoganoonni gama Somalee deemuuf godhaniifii wareegama kafalame Bobbaasaafii jaallan garii jidduu waldhagahuu dhabuu mul'late Lola "Lola Koree Jidduu" jadhamee waamamu Lola waraana AIBO wojjin gaggeeffame Seena dirree haga kufaatii DARGU...
SE09 EP188 Seenaa Qabsoo Marsaa Lammaffaa Kan J. Jaarraan Hogganamu - Jaal Dhugoomsaarraa | 3/7 28.11.2024 47:28
Kurfii kana jalatti: Haala dhaabbileen siyaasaa garagaraa kan akka IHAPA, MEISON, ICHAT naanno sanatti sossohaa turan Hogganoonni ABO warri magaala lakkise gama dirree dhufuu eegaluu Warri Somalee wajjin tures as-dacha'uu Barnootni siyaasaafii seenaa tartiiban kennamuu eegaluu Humna waraana tartiibaan ijaaruu Marii jila biyya alaatti bobbahu qopheessuu Gaaga'ama jaallan jiddutti mulla'ateefi faca'...
SE09 EP187 Seenaa Lola Jalqabaa Haroo Raabaat Gaggeefame J. Dhugoomsaarraa | 2/7 28.11.2024 54:30
Kurfii kana keessatti, jaal Dhugoomsaan: Seenaa kurfii duraa keessatti nuun qooddatu eegale itti fufa Haala marraa duraatiif qabsaahoonni lola dirree Haroo Raabaat gaggeessan Wareegama jaallanii gargar faca'uun isaan mudate Warri hafan qunnamtii tolfatuuf gama Shaggar bobbahuu Gama Bahaatti deebi'uun Eraar duubbee godhachuun qabsoo hidhannoo itti fufuun karoora tolfataniif rakkoolee isaan mudatan...
SE09 EP186 Jaal Dhugoomsaarraa Seenaa Eegallii Qabsoo Hidhannoo Dirree Bahaat | 1/7 28.11.2024 54:11
Kurfii duraa tana gubbaatti Jaal Dhugoomsaan: ijoollummaan qabsoot makamuu Jaal Jaarraafii Elemoon hidhannoo biyyatti galchuun qabsoo jalqabuuf carraaqqii isan godhan Seenaa meeshaan waraana akkamiin Carcar seene Seenaa aallan torban qabsoo hidhannoo jalqaban Seenaa qondaaloonni Somalee Galbeed isaanitti makatan Ballinaan nuun qooddata Dhihaadhaa!
SE08 EP141 Seenaa Jalqaba Qabsoo Hidhannoo- Abbaa Anaajinaa Wojjin | 4/5 15.11.2024 45:47
Kurfii tana gubbaatti waan torban sadiin dura eegalle xumurra. Dhihaadhaa!
SE08 EP140 Seenaa Jalqaba Qabsoo Hidhannoo - Abbaa Anaajinaa Wajjin | 3/5 15.11.2024 32:00
Abbaa Anaajinaa seenaa jalqaba qabsoo hidhannoo nuuf himan, kurfii tana gubbaattis itti fufu. Gara Yaman imaluuf dirqama fudhatanii erga bobbahanii duubatti waan isaan mudate cufa nuun qooddatu. Dhihaadhaa!
Similar podcasts
Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.