Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Koniecznie odwiedź stronę podcastu i wesprzyj twórcę: podcasters.spotify.com
Autor
Ilmaormaa
Kategoria
Strona podcastu
Ostatni odcinek
31 sie 2026
Gdzie słuchać?
Podcasty w aplikacji Replaio Radio Już wkrótcePodcasty trafią do aplikacji już wkrótce. Zainstaluj teraz i jako pierwszy zobacz nowe podejście do podcastów
Odcinki
SE08 EP146 Jaal Nagarii: "Eessaa kaanee, asgeenye?" Qooda Dhaloota Tokkoffaafi Lammaffaa -Kutaa 5ffaa 26.03.2024 1:06:48
Qophii kana keessatti Jaal Nagariin gumaacha dhalootni tokkoffaa fii lammafaa qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gumaachan gad-fageenyaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP145 Jaal Nagarii Fayyisaa : " Eessaa Kaanee Asgeenye?" Gumaacha Dhaloota Hangafaa - Kutaa 4ffaa 22.03.2024 58:44
Jaal Nagariin gaaffii, "Eessaa kaanee asgeenye?" tartiibaan ibsuu itti fufa. Qophii tana gubbaatti dhaloota hangafaa keessaa Oromootni babbeekamoon qabsoo bilisummaaf(dhalachuu ABOf) qoodasaan gumaachan baill'inaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP144 Jaal Nagarii Fayyisaa, "Eessaa Kaanee Asgeenye?" Qooda Dhaloota Sadii - Kutaa 3ffaa 18.03.2024 1:02:21
Qophii kana keessatti jaal Nagariin gaaffii, "eessaa kaanee, asgeenye?" gahiinsaan deebisuuf qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa dhaloota sadiitti adda ramaduun, tokko tokkoon qoodasaan dhalachu Adda Bilisummaa Oromoof(jaarmayaa) gumaachan irraa dubbatu eegala. Dhihaadhaa!
SE08EP137 - Turtii Sintaayyoo Alamaayyoo- Haadha Warraa Taayyee Danda'aa Wojjin 04.02.2024 49:36
Kurfii tana gubbaatti Sintaayyoorraa: - haala Oromtichi, Taayyee Danda'aa Areedoon, amma keessai jiru, - madda ilaalcha siyaasa inni hordofaa ture, - akkamiifi maaliif MEDDAMAR leellisa ture, - amala dhalootaa addaa irraa mul'atanfii, Seenaa Oromticha Taayyee Danda'aa Areedo nuun qooddatti. Dhiihaadhaa!! #Oromia
SE08EP136 Kutaa Maayyii(5ffaa) Marii Dr Bayan Wojjin Gaggeessine 03.02.2024 1:22:31
Kurfii maayyii tana gubbaatti Dr Bayan seenaa nuun hirmaatu guduunfa. Qabxiilee; - Hariiroo(qunnamtii) ODF fi EPRDF jiraachaa ture - ODF biyya erga galee duubatti eessatti akka aanee - qabsoon bilisummaa Oromiyaa, "Oromo" callaarratti hundaahee itti fufuunsaa uummatoota hafan ifirraa achi hindhiibnee? - Sabarratti hundaahurraa gama mull'ata namoomarratti(univeral appeal) yookaan biyy...
SE08EP135 Itti Fufa Conversation Dr. Bayyaan Wajjin Gaggeessine - Kutaa 4ffaa 27.01.2024 58:43
Kurfii tana gubbaatti wahee "Bergen Conference", Kora Sabaa ABO 3ffaa fi taateewwan kabiroo mul'ataa turan ballinaan Dr Bayyaan irraa dhageenya.
SE08 EP134 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin- kutaa 3ffaa 20.01.2024 48:47
Conversation Dr. Bayan Asoba, qabsaawaa gameessa wojjin kurfiilee lameen tamsaafaman keessatti eegalle qophii tana gubbaattis itti fufna. Haalli qabsoo biyya ambaa keessatti bifa kam qabaataa ture? Mooraan qabsoo bilisummaa Oromiyaa tan ABOn hogganamaa turte gargar foxxoquu haarayaa akkam jiraatu isii mudate? Sababni fofoxxoquu kaayyoo mo waan dhibii? Dhihaadhaa!
SE08 EP133 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin Goone- Kutaa 2ffaa 13.01.2024 45:39
Conversation Dr. Bayan wojjin seenaa amna qabsoo bilisummaa Oromiyaa eegalle itti fufuun kurfii tana gubbaatti warraaqasi Qeerroo Ganamaan eegalame hagam akka guddate irraa dhageenya. Dhihaadhaa!
SE08 EP132 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin Goone- Kutaa 1ffaa 05.01.2024 1:01:25
Dr. Bayan Asoba qabsaawaa gameessaan deemsa qabsoo bilisummaa Oromiyaafi jiruu-jireenya ummata Oromo bara mooti qorkee Hayile Silaasee kaasee, maal keessa akka dabreefi hardhas sadarkaa kam gubbaa akka jiru yaada isaa akka nuun hirmaata gaafanne, waan irraa dhageenye. Dhihaadhaa!
SE08 EP131 Jaal AbbaaBiyyaa Wajjin Seenaa Qabsoo ABOn Gaggeeffame-Kutaa Maayyii 31.12.2023 1:13:01
Kurfii maayyii tana gubbaatti Jaal AbbaaBiyyaan jaallan hogganoota ABO dirree Bahaafi dirree Kibba Bahaa Oromiyaa qabsoorraatti wareegaman nu yaadachiisu. Dhihaadhaa!
SE08 EP130 Jaal AbbaaBiyyaa Waliin Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa ture -Kutaa 6ffaa 25.12.2023 46:18
Qophii 6ffaa kana keessaatti Jaal Abbaabiyyaan taateewwan woltajjii siyaasaa Oromiyaa gubbaatti as-kaluu keessatti mul'atan irraatti yaada isaani nuun qooddatu. Dhihaadhaa!
SE08EP129. Jaal AbbaaBiyyaa Waliin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Kan ABOn Hogganamaa Ture-Kutaa 5ffaa 17.12.2023 45:54
Kurfii tana gubbaat, Jaal AbbaaBiyyaan erga ABOn Eritraat waajjira banateen booda dhibdee dhalateefi taateewwan mul'atan irraa dubbatan. Dhihaadhaa!
SE08EP128 Jaal AbbaaBiyyaa Wajjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa ABOn Gaggeefame-Kutaa 4ffaa 11.12.2023 1:22:34
Kurfii tana gubbaat, Jaal AbbaaBiyyaan Seenaa qabsaawoonni dirree bahaa fi dirree kibba bahaa Oromiyaa keessa turan erga mootummaa cehuumsaa lakkisanii bahani booda waan isaan mudate nuuf qooddachu kurfii 3ffaa keessat eegala itti fufan. Dhihaadhaa!
SE08EP127 Jaal Abbaabiyyaa Roobaa Wojjin-kutaa 3ffaa 02.12.2023 53:59
Kurfii kana gubbaatti: Bara mootummaa cehumsaa keessatti jaallan dirree bahaat hafan maal irratti bobbahani turan? Maaltusaan mudate? Uummata, waraanaafi miseensoota haarayaa jidduu hariiroon maal fakkaata ture? Yaroo gabaabdu keessatti, miseensootafi humna waraana haaraa hedduminaan ofitti ida'uun dhiibbaa akkam jiraa fideefi taateewwaan hedduu kabiroo jaal AbbaaBiyyaan ballinaan nuun qooddat...
SE08 EP126. Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa Wojjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa kan ABOn Hogganamaa Ture- Kutaa 2ffaa 24.11.2023 1:18:20
Kurfii tana gubbaatti, mari Jaal AbbaaBiyyaa waliin kutaa 1ffaa(125) jalatti eegalle itti fufna. Erga hogganoota jidduu dhibeen argameen duubatti, jaallan hafan tarkaanfi akkam jiraa fudhachuun dhaaba dandamachiisani qabsoo itti fufuu dandahanii fii gaaffilee kana fakkaatanuuf deebiiraa arganna. Dhihaadhaa
S08 EP125 Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa Wojjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa kan ABOn Gaggeefame - Kutaa 1ffaa 17.11.2023 1:03:36
Jaal AbbaaBiyyaa Roobaa, qaama hoggana olaanaa Adda Bilisummaa Oromiyaafi qabsaawaa gameessa wajjin marii seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABON hogganamaa turerraa kurfii tanaan eegaluun ballinaan irraa baranna. Dhihaadhaa!
SE08 EP122. Marii Dr Naomy Muktar Wojjin Gaggeessine - Kutaa Maayyii 16.10.2023 1:03:36
Mariifi barnoota fayyaa sammuu Dr Naomy wojjin eegalle qophii kana gubbaatti xumurra. Kurfii tana keessatti qabxiilee heddu mishaa tahan irratti barnoota jabaa Dr. Naomy-iin nuuf laatti. Dhihaadhaa!
SE08EP121 Marii Dr. Naomy Muktar Wojjin Gaggeessine 06.10.2023 47:11
Namni gaaga'ama bifa heddu qabu keessa dabre, dhibee fayyaa kan akkam jiraatu isa mudata? Jiruusaa keessatti amalota akkam jiraatu irraa mul'ata? Hariiron maatiin, haadhawarraan/abbaawarraan, ilmaaniinfi jaallansaa waliin qabu bakka kamitti jalaa jal'ataa? Rakko kanarra aanuuf furmaata kamtu jiraa? Eessattillee argamaa? Gaaffiilee kanaafi kuwwan hafan hedduuf Dr Naomy-in deebii nuuf laatti. Dhihaa...
SE8EP119. Obbo Halakhe Ganyu Wajjin Waahee Fayyaa Sammuu - Kutaa Maayyii 28.09.2023 58:04
Obb. Halakheen Fayyaa Sammuurratti beekumsaafi muuyxannoo ganna dheertuf qabu nuun qoodachuu kutaa duraa keessatti eegale qophii maayyii kana gubbaatti nuuf guduunfa. Obb. Halakheen Austraaaliyaatti fayyaa sammuurraatti karaa hedduun bobbahee waan ganna 25f dalagaa jiru keessaa fakkeenyaaf tarreessuuf, "accredited Mental Health councilor, social therapist & Community Health Counsellor&quo...
SE8EP118. Halakhe Ganyu Wajjin Marii Waahee Fayyaa Sammuu - Kutaa Duraa 22.09.2023 41:35
Qophii kana keessatti Obb. Halakheen fayyaa sammuurratti beekumsaafi muuyxannoo gannoota dheertuf qabu nuun qooddata. Halakheen Austraaaliyaatti fayyaa sammuurraatti karaa hedduun bobbahee ganna 25f dalagaa waan itti jiru keessaa fakkeenyaaf "accredited Mental Health councilor, social therapist & Community Health Counsellor" ta hangafaati. Kitaaba Isaa warri dubbisuuf hawwitani: Ganyu, Halakhe (20...
SE8EP117 AbbaaDuraa Wajjin Seenaa "Qeyi Shibbir" Gibee Gamatti - Kutaa Maayyii 11.09.2023 54:17
Obb. AbbaaDuraan seenaa warraaqsa bara 1974 irraa kurfii dabre keessatti nuu himuu eegalan san torban kana seenaa sukkaneessaa "Qiyi Shibbir" naanno Jimmatti raawwatame keessaa waan ofii yaadatan hordoftootaaf dhiheessuun xumuru. Dhihaadhaa
SE8EP116. Obb. AbbaaDuraa Wojjin Seenaa Warraaqsa 1974 fi "Qayyi Shibbir" Jimmaatti - Kutaa Duraa 01.09.2023 51:47
Qophii kana keessatti obb. AbbaaDuraan seenaa "Warraaqsa" bara 1974 fi isaan walqabatee bubbulee kan mul'ate seenaa sukkanneessaa " Red Terror / Qayyi Shibbir" jadhame beekamu Gibee gamatti gaggeeffame keessaa waan yaadaturraa hordoftootaan qooddata. Dhihaadhaa!
SE Trailer 06.08.2023 2:32
Podcast-iin Ilmaormaa Hagayya 14, 2023 irraa jalqabe marsaa 8ffaa qophii eegala. Marti keessanu dhihaadhaa!
SE7EP115. Guduunfaa Marsaa 7ssoo - Kutaa 2 24.06.2023 49:47
Qophii tana keessatti waan aadaa-seenaa marsaa 7ffaa keessatti gaggeessaa baane akka nuuf guduunfanuufi waan as-deemaarrattillee akka yaadaafi gorsa nuuf kennan maanguddoota deebiseen afeereen jira. Dhihaadhaa!
SE7EP115. Guduunfaa Marsaa 7ssoo - Kutaa 1 24.06.2023 1:55:07
Qophii tana keessatti waan aadaa-seenaa marsaa 7ffaa keessatti marihataa baane akka nuuf guduunfanuufi waan as deemaarrattillee akka yaadaafi gorsa nuuf kennan maanguddoota deebiseen afeereen jira. Dhihaadhaa!
Podobne podcasty
Replaio nie jest wydawcą podcastów; nazwy audycji, okładki i audio należą do ich autorów i są rozpowszechniane przez publiczne kanały RSS