Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
No dejes de visitar la web del podcast y apoyar a su creador: podcasters.spotify.com
Autor
Ilmaormaa
Categoría
Web del podcast
Último episodio
31 de ago. de 2026
¿Dónde escuchar?
Podcasts en la app Replaio Radio Muy prontoLos podcasts llegarán muy pronto a la app. Instálala ahora y sé el primero en descubrir una forma totalmente nueva de vivir los podcasts
Episodios
Ep. 276 Sa'uudi Arabiyaan Warra Imaraatii Irreen Yamaan Keessaa Tumtee Ariite | 10 Jan 2026 28.05.2026 26:24
Qophii gabaabduu kana keessatti: Mootummaan Saudi Arabiyaa humna Imaaraatii Yaman keessaa arihee baasuu Abbaan Irree aduunyaa qabeenya biyya ambaa dirree bahaatti kubaaniyaa biyya ofiitiif qooduu Aduunyaa gama bulchiinsa Neo-royalism jallataa jiraatu isiif kkf waliin qooddanna. Dhihaadhaa!
Ep. 275 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 1ffaa | The Importance of Being Educable A New Theory | 4 Jan 2026 25.05.2026 43:22
Kutaa duraa kan bara 2026 kana keessatti kitaabaa Leslie Valiant barreesse, "The Importance of Being Educable : A New Theory of Human Uniqueness" jatturraa qabiyyee isii gaggabaabsaan warra dubbisuu fedhu hamlachiisuuf akka gargaaru dubbanna. Dhihaadhaa
Ep. 274 Qabsoo Mirgaaf Gaggeefamu Hogganuun Jiruu Dhaabbataa (profession) Tahuu Hinqabu | 5 Dec 2025 21.05.2026 1:01:30
Qophii maayyyii kan bara 2025 kana keessatti: Ibsa KFOn waahee filmaata 2026 irratti baase, Waliigaltee gartuu FAANNOO fii Mootummaa Nannoo Amaaraa jidduu, Woyyaaneen akka humna siyaasaatti du'uu isii walitti himanii hirmii baafachuu, Haala Somaalee Minnesootaa keessaa, Waliigaltee Mootummaa Kongoofii Mootummaa Rwaandaa(Washington Accord), Abiyyii fii Badhaadhina, Qabsoon mirgaafii gaggeeffamuu fa...
Ep. 273 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jiruu Faana Kaachuuf Ijibbaata Gochuutu Irra Woyyinnaa? | 28 Nov 2025 18.05.2026 43:19
Qophii kana keessatti haala jijjiirama aduunyaarratti mullataa jirurraatti hundaahuun siyaasaa Gaanfa Afrikaa yaada gabaabsaan. Dhihaadhaa!
Ep. 272 Xurree/Mala Haaraa Barbaaduutti Hagam Bobbaana? | 22 Nov 2025 14.05.2026 51:03
Qophii kana keessatti. Waahee COP30 Teknologiin weellee eegaluu, Murtii mootiin Ameerikaa lola Suudaan dhaabuuf fudhate Aadaa waan haaraa tolchuufii jijjiirraa barabaaduu, Aduunyaan huubannoota-hiikaa-kabajaa ilmanamaaf qara qabaataa turte jijjiiraa deemaa jiraachu isiitiif yaada dhuunfaa kabiraa Dhihaadhaa!
Ep. 271 Tohaannoo Abbootii Qabeenyaa Ormaa Jalatti Filmaatni Dantaa Eenyuu Tiksuuf Gaggeeffamaa? | 14 Nov 2025 11.05.2026 1:00:26
Qophii kana keessatti,-Odeessa gara-garaa: Tanzaaniyaa, Suudaan Ugandaa, COP30,- Yaada dhuunfa filmaata 2026 gaggeefama jadhamee eegama jirurratti Dhihaadhaa!
Ep. 270 Biyya Tujaaroota Aduunyaan Weeraramaa Jirtu Keessatti Ummatni Akkamiin Ofdandamaa? 28.12.2025 47:39
Kurfii kana keessatti: Waahee "filmaata" dharaa Tanzaaniyaa keessatti gaggeefame, Lola Suudaan keessatti deemaa jiru, Haala Biyyootiin Afriikaa Bahaa Biifu jiran Abbootii qabeenyaa alaatiin dhunfatamuu, Itiyoophiyaa keessatti sochii akkam jiraa yoo gaggeessan / bifa akkam jiraan yoo ijaaraman dhiibbaafii miidhaa abbootii qabeenyaa ofirraa xiqqeessaa, qabeenya isaaniirraa faydeeffachuun dandahama?...
Ep. 269 Biyya Jaarmayaaleen Siyaasaa Ummata Keessaa hinmaddinetti, Filmaata Maaliitu Gaggeeffama? | 31 Oct 2025 24.12.2025 54:02
Qophii torbsn kanaa keessatti waahee jaarmayaa siyaasaa, jaarmayaa aadaa filmaataafi Autocracy irratti yaada dhuunfaa isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!
Ep. 268 Warri Imaraatiis Afriikaa Qircaturratti Hirmaataa Jiran Moo Akkamii? | Kutaa 3 | 24 Oct 2025 21.12.2025 41:16
Qissaa warra Imaraatii kurfii sadaffaafi ta maayyii kana keessatti bobbaa isaan gama Afriikaa biyya hedduu keessatti itti jiraniifi kitaabaa, "Anarchy" jadhamtu ka seenaa "British East India Company" irraa dubbatturaa waannin argadhe gabaabsaan yaada dhuunfaa kiyyaa waliin mammakeen isiniin qooddadha. Warri Caqasuu Feetan Dhihaadhaa!!
Ep. 267 Warri Imaraatii Yoom - Maaliif Dantaa Biyyoota Biraatti Harka Naquu Eegalte? | Kutaa 2 | 20 Oct 2025 17.12.2025 43:41
Kurfii lammaffaa kana keessatti jijjiirma mootummaan Imaraatii bara 1971 irraa eegaltee keessa qaxxaamurte gabaasaan yaada/huubannoota dhuunfaa. Dhihaadhaa!
Ep. 266 Mootummaan Imaraatii Maaliif Gama Itoophiyaa Fuulleeffatte? | Kutaa 1 | 17 Oct 2025 14.12.2025 42:42
Kurfii duraa kana keessatti waahee Warra Imaraatii yaada dhuunfaa gabaabsaan. Dhihaadhaa!
Ep. 265 Mootummaa Imaraatii Jalatti Dahatuun Mootummaa Itoophiyaa, Biyya Eessaan Dhaqaan? | 10 Oct 2025 10.12.2025 44:12
Kurfii torban kanaa keessatti hariiroo Mootummaa Itoophiyaafi Mootummaa Imaraatii jidduu deemaa jirturratti yaadaafi seetti dhuunfaa isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!
Ep. 264 Siyaasaa Dulloomee-Shamee Barri Itti Dabre "Shaabiyaa", "Woyyaanee"fi FAANNO Waliin Dhama'a 07.12.2025 41:15
Kurfii kana keessatti: Waan siyaasaafi nageenya Gaanfa Afrikaa, Haala diinagdee fii Siyaasaa Xobiyaa, Bifa jiruu-jireenya ummata Xobiyaa, Sochii humna qawween aangoo qabachuuf abjuun fiigamuufi waan isaan fakkaataarratti yaada dhuunfaan isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!
Ep.263 Siyaasaan Itiyophiyaa Akka Keniyaa Moo Halayyaa Somaliyaafi Suudaan(Kaabaafi Kibba) Of Darbanitti Qaariyaa Jira? 03.12.2025 46:10
Kurfii Hardhaa kana keessatti: Haala naannoo Gaanfa Afrikaa fi naannoo Arabiyaa Haal biyyoota Nepal, Argentina fi Suudan Kibbaa keessatti mumullataa jiruufii, Hujii mishaa Abiy Ahmad Ali raawwataa jirurraa, Lammiin biyyaa akka namaatti kabajaa dhabuufi serri bakka dhabuuf kkf gabaabsaan yaada dhuunfaa Dhihaadhaa!
Ep. 262 Oromoon Hidhaa Sammuu Cabsuun Seenaa Xobiyaafi Kan Gaanfa Afrikaas Qajeelfataa Jira 30.11.2025 42:47
Qophii torban kanaa keessatti gabaasa gara-garagaraa aduunyaa keessatti mullateefii qabsoo haqaa kan mirgaafi seenaa dhugaaf gaggeefamurratti yaada kiyya gabaabsaan. Dhihaadhaa!
Ep. 261 Gaanfi Afrikaa Dachii Sanyyiin Ilmanamaa Cufti Irratti Walgahe, Garuu Marti Wolwaakkata 26.11.2025 36:17
Siyaasaa kaluu tana deemaa jirtuufi seenaarratti yaada dhuunfaa gabaaduu. Dhihaadhaa !
Ep. 260 Ummatni Hiyyeessi Mirgas -Biyyas Hinqabu 23.11.2025 28:19
Yaada dhuunfaa gabaabduu waan mirgaafi biyya fakkaatarrattiDhihaadhaa!
Ep. 259 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jirtu Faana Kaatuun Yoo Dadhabame, Aduun Namatti Dhiiti 16.11.2025 32:49
Teknoolojiin shaffisaan jijjiiramaa jira. Teknoologii waliinis hawaasni jijjiiramaa jira. Qabsoon haqaaf, mirgaafii wlaqixxummaaf gaggeefamtu ilma namaa hundaafi umamaaf dhaabbachuu qabdi. Sana gochuu hanqannaan aduun itti dhiiti. Dhihaadhaa!
Ep. 258 Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTO, " Biyyi Sun Kufaatii Hamaatti Deemaa Jirti " | 1/1 24.09.2025 1:55:01
Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTOn, taateewwaan yaroo ammaan tana X0obiyaafi naannoo Gaanfa Afriikaa keessatti mumull'atan irratti yaadaafi yaaddoo qabu balli'inaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!
Ep. 257 Korri "Kufaatii Abiyyiin Booda" Sirna Ijaaramurratti Marihate Karoora Akkam Jiraan Gadbahe? 17.09.2025 37:15
Qophii kana keessatti waan murni tokko "kufaatii Abiyyiin booda" Irratti marihachuuf kora walwaame tureefi ibsa korri sun dabarserratti fi haala amma jirurratti yaada dhuunfaa gabaadu. Dhihaadhaa!
Ep. 256 "የኦሮሙማ መንግሥት - Mootummaa Oromo" Kan Jadhamee Hamatamufi Himamu Dhugoomsuuf Ragaan Jira?! 10.09.2025 1:03:44
Waggoota torban dabran keessatti xurree heddurraa himannaan ተረኞች, ባለጊዜ, የኦሮሙማ መንግሥት, Oromoon masaraa seenee jiraa fi ka jiru mootummaa Oromooti jadhamee ballinaan hoggu himamu dhagahaa hardha geenye. Bara 2025 "mootummaa harkaa qaban" yookaan "mootummaa harkaa qabna" jachuun qoma dhiibanii dubbachuun kan dandahamu yoo warra furtuu diinagdee biyyaa bifa hedduun of- harkaatti galfatan adda baasanii...
Ep. 255 Mormituun ብልፅግና Ajandaa Diinagdee Dalagaa Heddummeessee Hiyyummaa Xiqqeessu Kam Harkaa Qabdi? 03.09.2025 46:19
Barri 2025! Mormitootni mootummaa ብልፅግና aangoorraa buusaan ofiif biyya bulchuuf carraaqan sagantaa diinagde kan ብልፅግናn hordofaa jirtuun adda tahe maal qopheeffatani qabu? ብልፅግና aangoorraa darbanii mootummaa ofii ijaaruuf hagam qophii qabu? Moo akkuma barame gaaffii "bara achi geenye deebisnaa" kijiba dulloomte naanneessaa jiru? Hogguu mootummaan ብልፅግና kuftu warri biyya bulchuuf qophaahe eenyuufaa?...
Ep. 254 Bara 2025 Keessatti Gartuun Oromoo Ertiraafi Woyyaaneen Woldhaqee Lola Yoo Seenuu Bu'aan Eenyuuf? 31.08.2025 35:36
Ummatni gurraachi bara 2025 yoo waraana wolitti labse, eenyutu dhaqqabaan? Eenutu irraa faaydaa argachuuf jiraata? Oromoon bara kana Woyyaanee fii Shaabiyaaf tumsuun maal bu'aan isaa?
Ep. 253 Yesriba Abdulhalim Irraa Seenaa Maatii Al-Faqi Ahmed Umer fi Xariiqaa Tijjaaniyyaa | 1/1 24.08.2025 1:19:00
Yesriba Abdulhalim Ahmed Umer seenaa Xariiqaa Tijjaaniyyaa(Ahmadiyyaa) fii seenaa maatii isaanirraa gabaabsaan nuunqooddattiDhihaadhaa
Ep. 252 Aangoorra Turuuf Nama Isa Tinn'isu Barbaada; Kaanis Nama Naannoosaa Amana - J. Ahmed | 2/2 20.08.2025 2:12:55
Kurfii lammaffaafi tamaayyii tana gubbaatti, J Ahmed; Muudannoo hidhaa Dargu keessaa Taateewwaan bara Mootummaa Cehumsaa Tattaaffii ABOn biyyoota ollaafii biyyoota Arabaa keessatti qabsoo bilisummaa finiinsuuf gaggeessaa tureefi seenaa heddu kabiraa ballinaan nuunqooddatu.
Podcasts similares
Replaio no es editor de podcasts; los nombres de los programas, las portadas y el audio pertenecen a sus autores y se distribuyen a través de canales RSS públicos