Ilmaormaa

ILMAORMAA

Society OM ↓ 284 episodes

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

Author

Ilmaormaa

Category

Society

Podcast website

podcasters.spotify.com

Latest episode

Jul 9, 2026

Where to listen?

Podcasts in the app Replaio Radio Coming soon

Podcasts are coming to the app soon. Install now and be the first to see a whole new take on podcasts

Get it on Google Play Install for free Android 5M+ downloads · 4.8 rating iOS soon

Episodes

S2.Ep29 Aadaa Qawween Olaantummaa Mirkaneeffachuu 07.08.2021

- Ilaalchaafi Aadaan Irree fii loaalaan Olaantummaa mirkaneeffachuuf carraaquun yoom raawwataa? - Qabsoo Oromoo sadarkaa haarayaafii qaraa taheetti olguddachuurraa  maaltu hanqise? - Oromoon qabsoo sabaa gaggeessurraa gama qabsoo biyyaa gaggeessuutti taakku qabaa? - Qubsumtiifi seenaan Oromoo ummatoota/saboota baayyee waajjin akka bifa hedduun walitti hidhata horatu taasisani jiran. Garu dhug...

S2.Ep28. Warri Xiiqii/ Haaloon Gulufu Ummata Qilee Hamtuutti Darbuuf Deema 30.07.2021

1. Sodaa Ibiddi Ethnic War qabsiifame biyya maraa gubuuf akka dandahu  2. Ibsaa fii ijaarama "World Oromo Congress"  irratti yaada gaggabaabo fii gaaffiilee qabnu

S2.Ep27. Satoshi Nakamoton Eenyu? CRYPTOCURRENCY - Kutaa 5 (Maayyii) 23.07.2021

Sagantaa hardhaa keessatti: 1. Warra Bitcoin ummata ball'aat gadbaatee akka milkooftu qooda guddaa gumaachan keessaa: Martti Malmi, Gavin Andresen, Laszlo Hanec(pizza guy), Ross Ulbricht (Silkroad), fii Jed McCaleb (Mt. Gox) 2. Warra "Satoshi kan jadhamu ana!" ofiin jadhuufi  kan warri garii  "tarii abaluun kun Satoshi tahinna?" jachuun shakkan keessaa: Craig Wright, Dave kleiman, Debo J. E. Guido...

S2.Ep26. Warra Bitocoiniifi Cryptocurrencyif Xurree Saaqe : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 4 16.07.2021

- Cryptography - Public Key Cryptography(Deffie, Hellman fii Merkle); RSA(Rivest, Shamir, and Adleman); Mix networks(David Chaum) ,fii PGP(Phil   Zimmermann) - Digital currency(e-qarshii) dhibbaan lakkaawaman ka Bitcoin dura mull'atani garu hoongawan - Chaos Computer Club(CCC), Extropianism, Cryptome, fii Sochii Cypherpunk - Penet, Tor network, Napster, BitTorrent(BT), the Pirate Bay(TBP...

S2.Ep25. ALTCOINS, ETHEREUM fii NFT : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 3 09.07.2021

- Rakko /hirdhina Bitcoin qabdu : scalability , interoperability , fii carbon footprint - Altcoins keessaa garii fakkeenyaaf ilaaluu - Ethereum : gas , Ether (ETH), validators , PoS , shard , Beacon Chain kkf - Stablecoins : Fiat pegged, Algorithm backed, Commodity backed - Non-fungible Tokens(NFT) : "Everydays: The First 5000 Days" kan Beeple gurguratee fii kan biraallee.

S2.Ep24. BLOCKCHAIN fii BITCOIN : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 2 02.07.2021

-  Blockchain teknologiin maalirrat hundeeffamee?  - Ayinaa Blockchain keessa mursaa fakkeenyaaf  - Bitcoin maal isiin?    - Bitcoin maalirrat utubamte? Akkamiinis Omishamtii?  - Bitcon Miners, Transaction validation, Cryptographic hash function, Digital Signature, Merkle Root  - Byzantine Generals' Problem, double spending , difficulty target kkf irraa gaggabaab...

(Audio Edited) - S2.Ep23 CRYPTOCURRENCY - KUTAA 1 26.06.2021

Cryptocurrency aduunyaan amma itti maraata jirtu tun maal isiin? Bitcoin faa bitachuuf maaltu nama feesisaa? Eessaa bitachuun dandahamaa? Seenaa gabaabaduu waan maallaqaa fii baankiifi waan kan fakaatan ************************************************* * Podcastii Ilmaormaa : @ilmaormaa1(Telegram)* ************************************************

S2.Ep23. CRYPTOCURRENCY - KUTAA I 25.06.2021

Cryptocurrency aduunyaan amma itti maraata jirtu tun maal isiin? Bitcoin faa bitachuuf maaltu nama feesisaa? Eessaa bitachuun dandahamaa? Seenaa gabaabaduu waan maallaqaa fii baankiifi waan kan fakaatan ************************************************* * Podcastii Ilmaormaa : @ilmaormaa1(Telegram)* ************************************************

S2.Ep22 Cidha Humna Ortomaaraa Deebisee Ijaaruuf Hojjataa Jiru 18.06.2021

- Humni Oromo bakka lamatti qoodame jira! Warra Ortomaaraa wajjin cidha qopheeffataa jiruufii warraa hidhaa - bosana jiru. - Oromoon marraa baayyee odoo lafti hinifiin maalif "nuu barihee! bilisoomne!" labsaa turte? Heger dogoggora akkanaarraa akkamiin of hambisuun dandahamaa? - Warra kamfaatu Oromiyaa qircaa godhachuuf, Oromo facaasuuf hiriira galee jira? - Balaa humni Ortomaaraa ummatoota indige...

SE2.Ep21 Jijjiirraa Siyaasaa/Mootummaa Asdeemaa Jiru 11.06.2021

- Miseensa, deeggaraa fii ummata jaarmayaa  kam duubaan dhaabbatee jirutu waan barbaadu goonfachuuf qophii gahaa godhatee jiraa? - Jaarmayaa/Jaarmayoota kamtu jijjiirraa asdeemaarraa bu'aa argachuuf  jiraataa?

S2.Ep20 Mootummoonni fii Humnoonni Adda Addaa Maaliif Iccitii Walii Karaa Subqunnamtiin Gadbaasuu? 04.06.2021

- "Iccitii" Kello Median baaseen eenyu faatu bu'aa argate/argachuuf deemaa? Eenyuutu miidhame/miidhamuuf deemaa?  -  Kaayyoon Kello Median woyta kana "iccitii" san gabaarraa olcheef maal tahuu malaa? - Subqunnamtiin mull'atni siyaasaa ittin masakame qulqullaahe hinbeekamne hujiin isaa amanamuu dandahaa?   - Seenaa gabaabaa gaazeexoota keessaa warra ibidda lolaa Ameerikaa fii Is...

S2.Ep19. Haasawaa Entrepreneur Obbo Abdusalaam Waliin Goone 28.05.2021

Haala Jiruufii Jireenya ilmanamaa Jiruu biyya ambaa akka itti moohatan Akkamiin magaalaa New York keessat milkaawe Fayyaa ofii fii fayyaa hawaasaaf gumaacha inni godhaa jiru Jiruufi Jireenya Ameerikaa Hujii/jiruu qalbiin namaa hawwitu ijaarrachuu dandahu fii kkf

S2.Ep18. The State of Political Transitions in the Horn of Africa 22.05.2021

Cehumsaa Suudaan, Somaaliyaa, Somaalilaand fii Xoobiyaa keessaat deemaa jiru maal irra jira? Biyyoota kana keessaa kamtu ammaaf ka milkaahaa jiru fakkaataa? Xobiyaa qarqaraa gamaa hallayyaat qaarisaa jiranii?

S2.Ep.17 Odeessa Garagaraa fii Gabaasa Kitaabaa. 14.05.2021

-  Kitaaba, " 2030: How Todays Biggest Trends Will Collide and Reshape the Future" Prof.  Guilleniin barreefamerraa gabaasa. - Seera dhablummaa fii abbaarrummaan guddachuu - Musliimotni Xobbiyaa haga yoom akka Arabaat ilaalamu? - Qabsoon hidhanno amma gaggeeffama jira jadhame himamu, ka warra duriirraa maaliin adda?

Season 2 Trailer 08.05.2021

Announcing the  begging of season 2.

S.1 Ep.16. Marii Janaraal Abdiisaa Waliin 02.04.2021

-  Nyaaphni uummata Oromo dhara "genocide” jadhuun aduunyaa birat yakkee fudhatama dhabsiisuuf ragaa guurrataa jira . -  Humni Oromo  iddo sadiitti qoodamee walirra aanuuf carraaqqiin godhu Oromo laaffisee bittineessaa jira. - J. Abdiisaan argaa-dhageettii ijaarsaa fii caasaa Oromo kan akaakayyuu jalatti barate nuun qooddata. - Qarrree fii qeerroon maalturraa eegamaa . BEEKSISA...

S.1 Ep.15. Duula Waraanaa Oromo Walloorratti Labsamee fii Dhiibbaa Warra Xobiyaafi Eritraarrat Godhamaa Jiru 26.03.2021

-  Abiy Ahmaad Parlaamaa warraa gubbaat Xobiyaa guutuu Amaareessuuf muratee ka'uu isaa ifate hime  -  Oromoon ballo'oon Oromo Walloo waltajii hawaasummaa gubbaatti bifa mishaa taheen mull'isaa jiraa? Moo ummata lola malee waan biraa   hinbeekne godhee fokkisiisaa jira? -  Oromoo Walloo sooshaal midiyaa gubbaat bifa kamiin midhaagsaan mull'isuun isaaniif bu'aa qaba?  -  Ziyaara Senator Chris Coons...

S.1 Ep14. Inqilaabni Dura Taa'aa ABOrratti Raawwatame Woyi Waan Haarayaa? 19.03.2021

- Inqilaabni ABO keessat yoom eegalame? - Qabsoon Oromo Jaarraa 21ffaa ABO susuphuun gaggeessuun ni dandahamaa? - ABO fii qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf eenyufaatu irratti bobbahee jiraa? Maaliif?

S.1 Ep13. Walaloo 12.03.2021

 Maalirraa si olchaa ka'jaarratte martii ? - Rawlinson, LAY of HARPER (1886)  Yoo -  Kipling, IF (1895)

S.1 Ep.12. "Sirni Gabbaarummaa Haareeysi As Deemaa Jira" 05.03.2021

Episode (qophii) tanarratti:  - Aduunyaan ta gartuun xiqqaan daangaa-dabraan irratti tujaaraa jirtuufii ummatni ball'aan ammo daran itti hiyyoommtaa jiru tun garam jall'ataa jirtii?  - Sirni Gabbaarummaa haareeysi biyyoota kam gubbaat ijaarmaa jiraa?  - Sirni Gabbaarummaa haareeysi kun maal fakkaataa? Warra kamtu irraa fayyadeeffata?  - Sirni Gabbaarummaa haareeysi adunyaa gubb...

S.1 Ep.11. Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaat (GOBA) Ijaaruu 26.02.2021

- Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaa(GOBA) ijaaruurrat yaada kennachu. - Maqaa jaarmayaatiin rakkoolee, gaaga'amaa, fii Kufaatii dhaqqabanifii ammas dhaqqabaa jiranirraa barachuuf tattaaffiin haqaa godhamuu dhabuu. - GOBA jaarmayaa siyaasaa fii gartu jalaa baasuun bifa bilisaai if dandaheen ijaaruun maaliif barbaachisa? - GOBA gad-jabeessani dhaabuun waan jaarmayaa siyaasaa jadhamuu mara of keessaa qulqul...

S.1 Ep.10. Diigamu Sirna Fedaraala Sabdaneessaa 19.02.2021

- Jaarmayaaleen Oromo diigamu sirna federaala sabdaneessaa hambisuuf uummata sossoosuuf qophii fii humna itti qabu? - Aktivistootni/qabsaa'otni sirna haarayaa Ijaaramaa jiru falmuuf gurmuu akkami qabuu? Gurmuu akkamii jalatti ijaaramuutu daran isaan jabeessu malaa? - Ummatni Ball'aan sirni Neoliberaalizmii biyya keessatti utubamaa jiru kun miidhaa akkamii irraan dhaqabsiisu akka malu huubatnoota g...

S.1 Ep.9. Lagannaa Nyaataan of Wareeguun Xoobiyaa Keessatti Bu'aa Siyaasaa Argamsiisaa? 12.02.2021

- Lagannaa-Nyaataan  Xobiyaa keessatti akka tooftaa qabasoo nagayaa taheetti ummata biratti beekamaadhaa? - Lagannaa Nyaataa hidhamtootni siyaasaa Oromoo gaggeessaa jiran qindominaan gaggeeffamaa jiraa? - Dhaabbileen siyaasaa ka hidhamtootni falmaafii jiran bifa gayaan cinaa dhaabbataa jiruu? - Midiyaan aduunyaa maaliif lagannaa nyaataa hidhamtootni siyaasaa kan Oromoo gaggeessaa jiran gabaasuu ha...

S.1 Ep.8. Hegereen Biyyaa (nation state) Maal Fakkaataa? 04.02.2021

- Gadaa keessa jirrutti, biyyaaf jacha wareegama lubbuu kafaluun bu'aan isaa maal? Dantaa eenyu kabajsiisuuf? - Aduunyaa keessatti qoodni "biyya"a guddataa mo dhiqqaataa deemaa jira? - Qabsoon Oromoo bifa aduunyaan itti jirtuufi daandii isiin irra qajeelaa jirtu hordofee demaa jiraa? - "Yellow/Orange" namni ambaa heeduun, warra "Guantanamo/Gitmo" hidhame turee; tuuta Buddhahaa biyya Maynmar(B...

S.1 Ep.7 Warri Teknoologii Haarayaa fii Kuwwan Hafanis Maal Nurraa Fedhan? Maal Nurraa Guuraan? Garam Nuun Deemaa Jiran? 29.01.2021

Odeeysa --- Warri "Wall Street" fii Caayaan "Reddit" (WallStreetbets) jadhaman maaf kaampaani "GameStop" jadhamturratti walhadhan? Robot( Artificial General Intelligence) sadarkaa amma itti jirurraa fii garama akka guddataa deemaa jiru gabaabasaan walhuubachiisu. Kitaaba, "The Age of Surveillance Capitalism" kan aduunyaan guutuun faarsitee fii irraallee dubbataa jirtu warra amma dura hindubbisneef...

Listen to the ILMAORMAA podcast in Replaio

Radio and podcasts in one app - free, with no sign-up. Install today and do not miss the launch

Get it on Google Play

Replaio is not a podcast publisher; show names, artwork and audio belong to their authors and are distributed through public RSS feeds.