fr

Ilmaormaa

ILMAORMAA

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

N'hésitez pas à visiter le site du podcast et à soutenir son créateur : podcasters.spotify.com

Auteur

Ilmaormaa

Catégorie

Society

Site du podcast

podcasters.spotify.com

Dernier épisode

31 août 2026

Où écouter ?

Les podcasts dans l'appli Replaio Radio Bientôt disponible

Les podcasts arrivent très bientôt dans l'appli. Installe-la dès maintenant et découvre en avant-première une toute nouvelle façon de vivre les podcasts

Télécharger sur Google Play Installe-la gratuitement Android près de 10 M de téléchargements · note de 4,8 iOS bientôt

Épisodes

SE08 EP139 Seenaa Qabsoo Bilisummaa- Abbaa Anaajinaa Wojjin | 2/5 15.11.2024

Abbaa Anaajinaan seenaa qabsoo jalqabaarraa nuuhiman itti fufuun qophii tana gubbaatti erga jaarmayaa ijaarrataniifi waajjira Somaliyaa keessatti banatanii duubatti tattaaffii godhamaa tureefi amna qabsoo keessatti waan isaan mudatate nuun qooddatan. Dhihaadhaa

SE08 EP138 Turtii Abbaa Anaajinaa Wajjin | 1/5 15.11.2024

Kurfii tana gubbaatti jalqaba seenaa diddaa gabrummaa warra gaggeessanirraa Abbaa Anaajinaan waan yaadatanifii amna ofii keessa qaxxamuran mara wolitti guduunfuun seenaa nuun qooddatu. Dhihaadhaa!

SE09 EP185 Kurfii Maayyii: Deebii Sheek Xaliileessaan Gaaffiilee Gaggabaabduuf laatan | 10/10 09.11.2024

Kurfii maayyii kana keessatti deebiilee sheek xaliileessaan gaaffii garagaraaf laatantu argama. Dhihaadhaa!

SE09 EP184 Gaaffiilee tokko-tokko Sheek Xaliileessaa Wojjin | 9/10 09.11.2024

Kurfii kana keessatti deebi sheek Xaliileessaan gaaffiilee garagaraaf laatan kutaa duraa Dhihaadhaa!

SE09 EP183 Sheek Xaliileessaan Erga ABOn Mootummaa Cehumsaa Bahee Biyya Ollaat Bobbahan | 8/10 09.11.2024

Kurfii tana keessatti, Sheek Xaliileessaan: Dirqama fudhatanii gama Kaaba Somaaleet( Booramaa, Hargeeysaafi Bosaasoo) bobbaa godhan Taateewwan hadhaawoo achitti isaaniifi jaallan isaan wojjin turan mudatan Somaaleerraa ammas gama dirreetti deebi'uu Hariiroo warra ONLF wajjin diriirsuuf tattaaffii godhaman Kora Sabaa Hatatamaa Moqaadishoot Gaggeefameefii taateewwan heddu nuun qooddatan Dhiihaadhaa!

SE09 EP182 Sheek Xaliileessaa Wajjin Seenaa Qabsoo Bara Mootummaa Cehumsaa Gaggeefame | 7/10 09.11.2024

Kurfii tana gubbaatti Sheek Xaliileessaa, Taateewwan jala-bultii kufaatii DARGu mullatan Haala Mootummaa Cehumsaa keessaa ABOn dhiibame baafame Qabsoo dirree keessatti humna woyyaaneefi human Eritiraa wojjin gaggeefamaa tureefi waan hedduu seenaa qabeessaa nuun qooddatan Dhihaadhaa!

SE09 EP181 Sheek Xaliileessaan Dirqamaaf Biyya Ollaat Bobbahuufi Taateewwan Hedduu | 6/10 09.11.2024

Kurfii kana keessatti hogganoonni kan akka Jaal Nadhii, Diimaa Noogoo faa Kora Sabaa irraa qooda fudhachuuf biyya ollaarraa gama dirreetti woyta deebi'en waan isaan mudata Kora sabaa gaggeefachuufi Taateewwan haga kufaatii DERGU mumull'atan cufa Sheek Xaliileessaan bll'inaan nuun qooddatu. Dhihaadhaa!

SE09 EP179 Sheek Xaliileessa Wojjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa 1980ta | 5/10 09.11.2024

Kurfii tana keessatti Sheek Xaliileessaan hidhaa bahanii dirreetti erga deebi'ani booda: Bobbaa Kibba Bahaa Oromiyaat Woldhabbee WBO fii ummata Anniyaa jiduu uumamte furuuf bobbaa Walgahii Koree Jidduu fii marii hirdhina hidhannoo qabsaahoota mudata Dirqama hujii diplomaasii fudhachuun, Kumsaa wojjin gama Somaalee bobbahuu Walitti bu'iinsa humna AIBO wojjin Dhihaadhaa!

SE09 EP178 Dhaamsa Fuudhani Dirreetti Hogguu Deebi'aan Waan Sheek Xaliileessaa Mudatan | 4/10 09.11.2024

Kurfii kana keessatti haggafa qabsaawoota, Sheek Xaliileessaan erga marrraa lammaffaaf Somaalee seenanii, hogganoota kan akka Jaal Xahaafaa Moqaadishoot wolargan. Hogganootarraa dhaamsa hoggana dirreef deemuu fuudhani hoggu biyyatti deebi'an taateewwan hamtuu isaan mudatan mara nuun qooddatan Dhihaadhaa!

SE09 EP177 Sheek Xaliileessaa Irraa Seenaa Jalqaba Qabsoo Hidhannoo ABO Jalatti | 3/10 09.11.2024

Sheek Xaliileessaan kurfii tana jalatti Woyta duraa Somaleerraa hidhatanii warra deebi'en keessaa namoota yaadatan Akkamiin gariin isaanii J. Jaarraan wolitti ida'aman Dhibdeewwan mooraa qabsoo keessatti mullataniifi faca'iinsa humna waraanaa Akkamiin akka deebi'ani gama Somaalee deeman Hogganoota Moqaadishoo turaniin walqunnamuufi taateewwan hedduu nuun qooddatan Dhihaadhaa!

SE09 EP175 Sheek Xaliileessaa Wojjin Eessaa Kaanee Asgeenye? Seenaa Qabsoo Bilisummaa | 2/10 09.11.2024

Sheek Xaliileessaan seenaa qabsoo kutaa duraa keessatti nuun qooddatu eegalan, kurfii tana gubbaattis itti fufan. Dhihaadhaa!

SE09 EP173 Sheek Xaliileessaa Qumbii Wajjin "Eessaa Kaanee Asgeenyee?" Seenaa Qabsoo | 1/10 09.11.2024

Qabsaawaa hangafaa, Sheeka Xalileessaa Qumbiin, seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qooda isaaniifii jaallan isaani gumaachan ballinaan nuuf himuu kurfii tana gubbaatti eegalu. Marti keessanu dhihaadhaa!

SE09 EP160 Eessaa Kaanee As-geenye? Jaal Bayaan Kadir Wojjin | 2/6 28.10.2024

Jaal Hundeen seenaa qabsoo kurfii duraa keessatti nuun qooddachuu eegalan qophii tana keessattis itti fufan. Kurfii tana keessatti akkaataa gama Dirree Bahaa deemani qabsaahoota ichi turan wojjin wolitti bahan nuun qooddatu Dhihaadhaa!

SE09 EP161 ከወንድም ቡቼ ዮጎ ጋር ስለ ሲዳማ ሕዝብና ባህል አጭር ውይይት ክፍል 1/3 05.07.2024

Despite Buche's protest that there are other children of Sidama who have studied extensively & are more qualified than him to talk about the Sidama people, I urged him to share with us what he knows & remembers. This is part one of that conversation. Welcome all!

Dhaadheessa Marsaa 9ffaa(season 9 trailer) 24.06.2024

Yaroo gabaabdu keessatti marsaan 9ffaan eegalama. Mari keessanuu dhihaadhaa!

Guduunfaa Marsaa(season 08) 02.06.2024

Kurfii kana keessatti waan marsaa 8ffaa tamsaafame gabaabsaan wolyaadachiisuun, marsaan kun xumuramuusaa wal huubachiifna

SE08 EP156 Yaada Dhuunfaa Jaal Nagarii Fayyisaa Wojjin - Kutaa 15ffaa fi Turtii Maayyii 27.05.2024

Kurfii tana keessatti qabxiilee tokko-tokkoratti yaada woljijjiirrachuu sagantaa dabree keessatti eegalle xumurra. Kurfii xumuraa tanatti marti keessanu dhihaadhaa!!

SE08 EP155 Yaada Dhuunfaa, Jaal Nagarii Fayyisaa Wojjin - Kutaa 14ffaa 20.05.2024

Kurfii kana keessatti jaal Nagariin, - Suudaan keessatti haala tureefii taateewwan hamoo isa mudatan, - qabxilee tokko-tokkoratti huubannoota dhuunfaa nuun qooddata Dhihaadhaa!

SE08 EP154 Jaal Nagarii Fayyisaa: Seenaa Qabsoo Bara Mootummaa Cehumsaa (Chaartaraa) - Kutaa 13ffaa 13.05.2024

Kurfii kana keessatti, Jaal Nagariin; - Dargiin Diigamnaan warri hidhaa keessatt hafan bahuusaani - Hidhaa bahanii caasaa ABO magaaloota keessatti deebisanii diriirsuuf carraaqqii taasisan - Mootummaan Cehumsaa Ijaaramuu - Miseensoonni ABO muuyxanno adda addaa bifa afur horatan wolitti deebi'uusaani - Qabsoo bifa hedduu qabu bara "Chaartaraa" keessatti gaggeeffameefi waan baayyee kan...

SE08 EP153 Jaal Nagarii Fayyisaa:"Eessaa Kaanee Asgeenye?" Hidhaafi Ajeechaa - Kutaa 12ffaa 06.05.2024

Jaal Nagariin kurfii kana jalatti: - mootummaan DARGU jaallan irratti duula banu - jaallan mijateef dirreefi kaan ammo gama biyya ollaatti achi taakkuusaani - jaallan bakka adda addaarratti bobbahiin turanfii kan lafa jalaan qabsaawaa turan qabamani hidhaatti guuramu - jaallan qaqqaalli hedduun wareegamuu fii seenaa bara sanaa ballinaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!

SE08 EP152 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee As-geenye?" Seena Dargiin ICHAT (ABO) Iraattti Duule Banteefi Waan Qabsaawoota Mudate Kutaa 11ffaa 29.04.2024

Kurfii 11ffaa tana gubbaatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoonni ICHAT dahattuun sossohaa turan mootummaan DERGU irratti bobbaa gaggeessiteefii qunnamtiin jaallan jidduu kan magalaa fi dirree adda cite nuun qooddata. Dabalats tattaaffi jaallan hafan quunnamtii deebisanii diriirsuuf godhaa turan irraahis ball'innaan dubbata. Dhihaadhaa!

SE08 EP151 Jaal Nagarii Fayyisaa:"Eessaa Kaanee Asgeenye?" Qabsoo ABO fi ICHAT jalatti-Kutaa 10ffaa 22.04.2024

Kurfii kana jalatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoota dirqama adda-addaa itti laatame fudhachuun jaarmayaa ICHAT fii ABO jalatti qabsoof bobbahanirraa dubbata. Dhihaadhaa!

SE08 EP149 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee As-geenye?" Gumaacha Dhaloota Sadaffaa-Kutaa 8ffaa 16.04.2024

Gumaacha dhaloota 3ffaa qabsoo bilisummaa Oromiyaaf, dhallootni sadeen qabsoo bilisummaa gubbaatti bakka tokkotti dachahuusaanii, ijaaramuu ABO fi kkf irraa Jaal Nagariin ball'inaan dubbata. Dhihaadhaa!

SE08 EP148 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee Asgeenye?" Sochii barattoota Oromo -Kutaa7ffaa 08.04.2024

Jaal Nagarii fayyisaan gaaffii, "Eessaa kaanee, asgeenye?" ga'ffageenyaan deebi itti laatu kurfii kana keessattis itti fufa. Qooda barattoota Oromoo, baruulee garagaraa maxxanfamaa turaniif sochii bifa hedduun deddeema turan bakka tokkotti kurfeessurratti tattaaffii godhaman ball'inaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!

SE08 EP147 Jaal Nagarii: "Eessaa kaanee, as-geenye?" - Qooda Dhaloota Sadaffaa - Kutaa 6ffaa 01.04.2024

Jaal Nagariin seenaa kutaa 5ffaa jalatti eegale itti fufuun kurfii tana gubbaatti ammoo qooda dhalootni sadaffaa fii sochii barattootni Oromoo 1970moota keessatti qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gaggeessaa turan irraa ball'inaan dubbata. Dhihaadhaa!

Écoute le podcast ILMAORMAA sur Replaio

La radio et les podcasts dans une seule appli - gratuite, sans inscription. Installe-la dès aujourd'hui et ne rate pas le lancement

Télécharger sur Google Play

Replaio n'est pas éditeur de podcasts ; les noms des émissions, les visuels et l'audio appartiennent à leurs auteurs et sont diffusés via des flux RSS publics