fr

Ilmaormaa

ILMAORMAA

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

N'hésitez pas à visiter le site du podcast et à soutenir son créateur : podcasters.spotify.com

Auteur

Ilmaormaa

Catégorie

Society

Site du podcast

podcasters.spotify.com

Dernier épisode

31 août 2026

Où écouter ?

Les podcasts dans l'appli Replaio Radio Bientôt disponible

Les podcasts arrivent très bientôt dans l'appli. Installe-la dès maintenant et découvre en avant-première une toute nouvelle façon de vivre les podcasts

Télécharger sur Google Play Installe-la gratuitement Android près de 10 M de téléchargements · note de 4,8 iOS bientôt

Épisodes

Ep. 301 Seenaa Keniyaat Ajeefamuu, Hidhamuufi Darbamu Hogganoota Oromo - J. Adam Kabira | Kutaa 2ffaa| 19 Jun 2026 31.08.2026

Kurfii lamaffaa kana gubbaatti Jaal Adam Kabiiraan gama biyya Saa'udiyaatti erga taakke kaasee, achirraa Somaleetti, Somaleerraa gama Keniyaa keessatti haala keessa qaxxaamure yaadata. Biyyoota kana keessatti waan isa mudate, qabsaawoota waliin ture, haala qabsaawootni keessa turan, jireenya hawaasa Oromofi seenaa guguddoo takka-takkaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!!

Ep. 300 Oromoon "Eessaa Kaanee, As Geenye? " Seenaa J. Adam Kabira Wajjin | Kutaa 1 | 13 Jun 2026 24.08.2026

Kurfii duraa kana gubbaatti, Jaal Adam Kabiiraan gaaffii "Oromoon Eessaa Ka'anii As-gahan?" gaaffii jattuu deebisuuf, jiruu-jireenya ummmata Oromo ganda itti dhalateerraa eegalee, sochii qonnaan bultoota bara mootumaa DARGUfii achiin duubas taateewwan qabsoofi qabsaawoota biyya Somalee keessatti mudatan nuun qooddata. Dhihaadhaa!

Ep. 299 Sirni Sab-daneessaa Waggaa Shanan As-Deemu Keessatti Qormaata Jabaaf Saaxilamuu Hinoolu | 17.08.2026

Qophii kana gubbaatti,Filmaata PPn qopheessiteef jaarmayaalee fi namoota dhuunfaan naannoo Oromiyaa, Dire Dawaafi Shaggar keessatti dorgomoof deeman irraa odeeffanna. PPn waggaa shanan as-deeman keessatti kaayyoo isii bakkaan gahuuf waan isiin dalaguuf jiraatturraa gabaabsaan eerra. Dhihaadhaa!!

Ep. 298 Dooqaafi Looti Abbootiin Qoroo Afriikaa Mararfattu Guureefii Dhaqee Naayiroobitti Wolargan | 15 May 2026 13.08.2026

Qophii kana gubbaatti; Jilli mootummaa Itoophiyaa Ziyaaraaf Ameerikaa dhaqan, Mormitootni Mootummaa Itoophiyaa hagoon "Port Sudan"itti walargan, UN waajjira Naayiroobi qabdu babbalisaa jirti, Faransaa Matootii Afrikaanoota Naayiroobitti walitti rarte, Gurmuuleen mirga dhala namaaf falman kan biyya Ingiliiziifi Ameerikaa, warra Abu Dhabiirraati qiyyaafannoo isaanii jabeessan gabaasaalee j...

Ep. 297 Mirgoota Goonfachuun, Mirgootni Goonfataman Bubbulee Shasharafamuufi Sarbamuunis Numa Jira | 9 May 2026 10.08.2026

Qophii gabaabdu kana keessatti waahee mirgaafi mirga goonfatan dhabuu seettii waliin qooddanna. Dhihaadhaa

Ep. 296 Imaraatiin "Humna Ajjeechaa Qaxaruun Bobbaastee" Mana Murtii Ameerikaatti Hiimatamte | 2 May 2026 06.08.2026

Qophii kana keessatti, Qooda mootummaan Imaraatii dantaa warra Masrii, Libiyaafi Yamanii keessa seenuun hameenya dalagde jadhamee hamatamtuu: humna waraana dhuunfa warri Imaraatiin kafaltiin bobbaasuun hogganoota siyaasaafi amantii Yaman keessatti ajjeesiisaa turuun himannaan manneen murtii Ameerikaa keessatti itti dhihaate, Dhalootaaa Palastiin fi hoggana isaani kan ture booda garuu warri Imaraat...

Ep. 295 PP-ኢሕአዲግ Bara-Aangoorra Turtu Dheeraffachuuf Fakkeessii-Filmaataa Qopheeffatte | 25 Apr 2026 03.08.2026

Kurfii kana gubbaatti, filmaata bara June 2026 Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf deemurraa qooda fudhachuuf dhaabbilee Siyaasaa hiriira galaniifi waahee mirgaarraa yaada gaggabaabaa. Dhihaadhaa!

Ep. 294 Ameerikaan Miiza Marii Gubbaattis Warra Iiraan Jilbeenfachiisu Dadhabdee Adda Galan | 12 Apr 2026 30.07.2026

Mariin Ameerikaa-Iiraan Jidduu Islamabaditti gaggeefamaa ture hongahe. Dhihaadhaa!

Ep.293 Iiraan Warra Ameerika, Israa'eel, Imaraati, Sa'udiyaafi Kuweet Irra Aante Fakkaata - AMMAAF | 8 Apr 2026 27.07.2026

Qophii gabaabdu kana keessatti lola Iiraan irratti gaggeefma tureefi araara torban lamaaf godhamterran isniif gabaasa. Dhihaadhaa!

Ep. 292 Warri Ameerikaa, Lola Amantii(Faith War) Gaggeessaa Jirraa, Masaraa Keessaa Lallaban | 5 Apr 2026 23.07.2026

Qophii kana keessatti: Warri " Evangelical" Ameerikaa, masaraa mootummaa keessatti waraanni Ameerikaa Lola Amantii gaggeesaa akka jiruufi Presidaant Trump fakkii Yesu Kirstoos tahuu lallaban, Lammiin Shiinaa Warri Iiraan Xayyaara lolaa kan Amerikaafi Israa'el mala itti dhahuu dandahan akeekan, Presidaantiin Faransaay "Irreen biyya namaa weeraruun furmaata" hinfidu jadha, Wa...

Ep. 291 "Muummeen Kaayyoo Keenyaa, Wol-dhaqiinsa" Jadhu Warri Lola Eegale. Eenyutu Dhugeeffataan? | 1 Apr 2026 20.07.2026

Qophii kana gubbaat,Taateewwan ijoo guyyoota muraasa dabran keessatti aduunyaafi Gaanfa Afrikaa keessatti mumullatan irraa waliin qooddanna. Dhihaadhaa!!

Ep.290 Ameerikaa-Isra'eel Araba Wojjin Gamtaan Itti Duulanii Cabsuu Dadhabanii - Ammaaf? | 28 Mar 2026 16.07.2026

Kurfii kana gubbaatti: Lolaafi olola Ameerikaa-Israael biyya Iiraan irratti ofaa jiran, Haal-Duree araaraaf Iiraan qopheessite, Hormuuz keessa hulluuquu warra fedhuuf sirna Iiraan labsite, Iyyannaa waajjira mirga dhala namaatti (UNHRC) Iiraan kaleeffatte, Ibsa Jarmayaa ABO-WBO Biyya Alaa baase, Waladhabbi warra Somaalee jidduu deemaa jiruufi odeessa ijoo tahan kanneen biraas isinii qopheessen jira...

Ep .289 Olola Mootummaan Haayila Silaasee, Mootummaa Musliimoota Jimmaa Diiguuf Ofaa Ture keessaa | 25 Mar 2026 13.07.2026

Qophii gabaabduu kana keessatti, Gaazeexaa "Birhaaninnaa Selaam" gubbaatti bara 1932 keessatti ololla mootummaa Jimmaa diiguufu oofama turte irraa haga tokko wolyayyaadachiifna. Dhihaadhaa!

Ep. 288 Mootiin Itoophiyaa "Duula Hormuuz Bansiisuuf Humna Bahaaraafi Komaandoo Erguuf Qophii"Jadhe | 22 Mar 2026 09.07.2026

Qophii kana keessatti; Kuubaafi rakkoo keessa jirtu, Torban kana Lola Ameerikaa-Israael Iiraan irraatti gaggeessaa jiran irraa odeessa ijoo, Warri Baido'a(South West Somalia) mootummaa Moqaadishoorraa of kutuusaani, Humni Waraanaa Faransaayi Keeniyaa seenuusaatifi gabaasa biroo kana fakkaatan kanbiraas gabaabsaan. Dhihaadhaa!

Ep. 287 Intalaa Hiikaa Takbiiraa(Allahu Akbar !Jachuun) Himaa Jiruu, Duubaan Boombiini Dhuka'e | 14 Mar 2026 06.07.2026

Kurfii gabaabdu kana gubbaatti: lola aduunyaa amma gaggeefamaa jirurfi Filmaata 7ffaa Itoophiyaan gaggeessuuf deemturraa yaada gabaabdu. Dhihaadhaa!

Ep. 286 Hiriirri Siyaasaafi Amantii Walitti Makamaa Jira Fakkaata | 7 Mar 2026 02.07.2026

Qophii kana keessatti taateewwan torban kana mullatan keessaa warra ijoo tahan irraa wolyayyaadachiifna. Dhihaadhaa!

Ep. 285 Haga Sirni Haaraa Dhaabbatutti Wolbarabadeessurraa Aduunyaan Kan Walqusattu Hinfakkaattu | 28 Feb 2026 29.06.2026

Qophii kana keessatti: Lola Ameerikaa-Israa'eel Iiraan irratti eegalan, Somaleen Xayyaara (Jeetti) Lolaa bitachuuf Pakistaaniin woliigalate, Israeel warri "Sufi-Axis" namarsee jira, anis "Hexagon-Axis " ijaarrachuun qabaa, Mootummaan Xoobiyaa "jaallatame-jibbamee, nutti cufame hinjiraannu" dhaadachuun lola labsite, Kanaaf kan biraallee isiniif qopheesseen jira. Dh...

Ep. 284 Warri Dhihaa Bifa Haaraan Aduunyaa Koloneeffachuuf Waltajjiit Ol-bahee Wal-waammate | 21 Feb 2026 25.06.2026

Kurfii kana keessatti, Waan "Munich Security Conference" gubbaatti dubbatame keessaa haga nulaallatu, Yakka daguuggii-shanyii ummata Darfur irratti raawwatameefi raawwatama jiru, Turkiyyeen Bahaara Somaaliyaa keessaa gaazaa baafachuu jalqabuu, Presidaantiin Somaliland duraanii yaada woligaltee godhamerratti dhiheessan Waan Senatorri Ameerika L. Graham waahee ummata Gaazaarraa dubbate, Am...

Ep. 283 Maaltu Deemaa Ture? | 14 Feb 2026 22.06.2026

Qophii kana gubbaat: Ziyaaraa warra Sa'uudi Arabiyaa gama Itoophiyaafi Eritiraa, Xalayaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Eritiraatti barreessite, Dubbiin Epstein, qaallicha Sulxaan Ahmed bin Sulayem  (mataa DP World) Imaraatii ture aangoo ariisifte, Seenaa gabaabsaan kan warra ambi kaayyoo addaaf ol-kaasate ittiin fayyadamtee deebiste lafaan dhoofte namoota kan akka Adnan Kashogii ( Mount Keny...

Ep. 282 Epstein "Kaayyoon Biraanuu Naggaa Shiftummaa Yoo Tahe Biran Jiraa"n Sun Maayyii Eessa Aante ? | 7 Feb 2026 18.06.2026

Qophii kana keessatti waan torban kana mummull'atan irraa: Hariiroo Liibiyaafi Pakistaan, Woliigaltee Turkiyyee fi Masrii, Mootummaa Trump fi Afrikaa( Nigeeriyaa, Suudaan fi DRC), Kora Parlaamaa Itoophiyaa Ammaa kana kan Maayyeessaa, Hariiroo gartuu Epstein fi Kubaaniyaa Itoophiyaa "Icog Labs" jadhamu jiddu ture , Epstein fi Biraanuu Naggaa, Kiswaa(Ka'aabaa) irraa muranii maaliif...

Ep. 281 Maaliif Isra'eel-Arabni Rakkoo Dullattii Isaan Jidduu Jirtu Gama Gaanfa Afriikaatti Fidan? | 31 Jan 2026 15.06.2026

Qophii kana keessatti taateewwan torban kana Gaanfa Afrikaa, biyyoota Arabaa, Kaanaadaafi Minnesoota keessatti mumull'atan gabaabsaan isiniin qooddanna! Dhihaadhaa

Ep. 280 Warri Gaanfa Afriikaa Gartuu Arabaa Lama Jalatti Adda-Qoodamee Daaraa Wolijjuuf Deemaa? | 24 Jan 2026 11.06.2026

Qophii (24 Jan 2026) kana keessatti: Haala Gaanfa Afriikaafi Biyyoota Arabaa keessatti mull'ataa jiran, Waan "World Economic Forum" gubbaatti dubbatame keessa dubbii ijoo, Baqatoota Yahuudaa Awuroopaarra Gama Baha Biiftuu Afriikaa keessatti qubsiisuuf tattaaffi garagaraa godhamaa ture gabaabsaan fi odeessa gaggabaaboo ka biraallee isiniif kurfeesseen jira. Dhihaadhaa!

Ep. 279 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 3ffaa | Breakneck: China's Quest to Engineer the Future | 21 Jan 2026 08.06.2026

Kutaa 3ffaa fi kamaayyii kana keessatti kitaaba Dan Wang barreesse, "Breakneck: China's Quest to Engineer the Future" irraa gabaabsaan warra haga hardhaa hindubbisnee garuu dubbisuuf hawwii qabuuf irraan xiqqoo dubbadha. Aangaawonni Ameerika irra jireessi Abukaatoota. Kun bu'aa-rakkoo maal fide? Aangaawoonni Shiinaa irra jireessi Injiinaroota. Kunis bu'aa-rakkoo maal fidee? Dhihaadhaa!

Ep. 278 Warri Arabaa Gaanfa Afrikaa Jeeqaa Jirti Fakkaata | 17 January 2026) 04.06.2026

Kurfii kana keessatti waan torban kana keessatti Gaanfa Afriika, Biyyoota Arabaafii Aduunyaa keessatti mumullatan keessaa warra faaydaa qabeessa irraa gabaabsaan dubbanna. Dhiihaadaa

Ep. 277 Kutaa 2ffaa| Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? |AI Automation & War :The Rise of Military-Tech Complex | 14 Jan 2026 01.06.2026

Kurfii kana keessatti kitaaba "AI, Automation, & War: The Rise of a military-tech complex" jattun gaggabaabsaan warra amma dura hindubbisneen walbarsiisa. Kitaaba kana keessatti:- Seenaa guddina teknoolojii jalqabaa kaasee haga AI amma jirutti,- seenaa hariiroo kubaaniyoota teknoologii fi dameelee waraanaa biyyaaleessaa, - tarsiimoo teknoologii mootummootni ittisa biyyaaf karoorfatan,- qoodni...

Écoute le podcast ILMAORMAA sur Replaio

La radio et les podcasts dans une seule appli - gratuite, sans inscription. Installe-la dès aujourd'hui et ne rate pas le lancement

Télécharger sur Google Play

Replaio n'est pas éditeur de podcasts ; les noms des émissions, les visuels et l'audio appartiennent à leurs auteurs et sont diffusés via des flux RSS publics