Ilmaormaa
ILMAORMAA
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan! As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Wo hören?
Podcasts in der App Replaio Radio Bald verfügbarPodcasts kommen bald in die App. Installiere sie jetzt und erlebe als Erster einen ganz neuen Blick auf Podcasts
Folgen
SE09 EP161 ከወንድም ቡቼ ዮጎ ጋር ስለ ሲዳማ ሕዝብና ባህል አጭር ውይይት ክፍል 1/3 05.07.2024 39:41
Despite Buche's protest that there are other children of Sidama who have studied extensively & are more qualified than him to talk about the Sidama people, I urged him to share with us what he knows & remembers. This is part one of that conversation. Welcome all!
Dhaadheessa Marsaa 9ffaa(season 9 trailer) 24.06.2024 3:18
Yaroo gabaabdu keessatti marsaan 9ffaan eegalama. Mari keessanuu dhihaadhaa!
Guduunfaa Marsaa(season 08) 02.06.2024 13:25
Kurfii kana keessatti waan marsaa 8ffaa tamsaafame gabaabsaan wolyaadachiisuun, marsaan kun xumuramuusaa wal huubachiifna
SE08 EP156 Yaada Dhuunfaa Jaal Nagarii Fayyisaa Wojjin - Kutaa 15ffaa fi Turtii Maayyii 27.05.2024 1:22:18
Kurfii tana keessatti qabxiilee tokko-tokkoratti yaada woljijjiirrachuu sagantaa dabree keessatti eegalle xumurra. Kurfii xumuraa tanatti marti keessanu dhihaadhaa!!
SE08 EP155 Yaada Dhuunfaa, Jaal Nagarii Fayyisaa Wojjin - Kutaa 14ffaa 20.05.2024 1:27:56
Kurfii kana keessatti jaal Nagariin, - Suudaan keessatti haala tureefii taateewwan hamoo isa mudatan, - qabxilee tokko-tokkoratti huubannoota dhuunfaa nuun qooddata Dhihaadhaa!
SE08 EP154 Jaal Nagarii Fayyisaa: Seenaa Qabsoo Bara Mootummaa Cehumsaa (Chaartaraa) - Kutaa 13ffaa 13.05.2024 1:56:39
Kurfii kana keessatti, Jaal Nagariin; - Dargiin Diigamnaan warri hidhaa keessatt hafan bahuusaani - Hidhaa bahanii caasaa ABO magaaloota keessatti deebisanii diriirsuuf carraaqqii taasisan - Mootummaan Cehumsaa Ijaaramuu - Miseensoonni ABO muuyxanno adda addaa bifa afur horatan wolitti deebi'uusaani - Qabsoo bifa hedduu qabu bara "Chaartaraa" keessatti gaggeeffameefi waan baayyee kan...
SE08 EP153 Jaal Nagarii Fayyisaa:"Eessaa Kaanee Asgeenye?" Hidhaafi Ajeechaa - Kutaa 12ffaa 06.05.2024 2:23:42
Jaal Nagariin kurfii kana jalatti: - mootummaan DARGU jaallan irratti duula banu - jaallan mijateef dirreefi kaan ammo gama biyya ollaatti achi taakkuusaani - jaallan bakka adda addaarratti bobbahiin turanfii kan lafa jalaan qabsaawaa turan qabamani hidhaatti guuramu - jaallan qaqqaalli hedduun wareegamuu fii seenaa bara sanaa ballinaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP152 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee As-geenye?" Seena Dargiin ICHAT (ABO) Iraattti Duule Banteefi Waan Qabsaawoota Mudate Kutaa 11ffaa 29.04.2024 1:57:31
Kurfii 11ffaa tana gubbaatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoonni ICHAT dahattuun sossohaa turan mootummaan DERGU irratti bobbaa gaggeessiteefii qunnamtiin jaallan jidduu kan magalaa fi dirree adda cite nuun qooddata. Dabalats tattaaffi jaallan hafan quunnamtii deebisanii diriirsuuf godhaa turan irraahis ball'innaan dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP151 Jaal Nagarii Fayyisaa:"Eessaa Kaanee Asgeenye?" Qabsoo ABO fi ICHAT jalatti-Kutaa 10ffaa 22.04.2024 2:14:33
Kurfii kana jalatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoota dirqama adda-addaa itti laatame fudhachuun jaarmayaa ICHAT fii ABO jalatti qabsoof bobbahanirraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP149 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee As-geenye?" Gumaacha Dhaloota Sadaffaa-Kutaa 8ffaa 16.04.2024 2:13:56
Gumaacha dhaloota 3ffaa qabsoo bilisummaa Oromiyaaf, dhallootni sadeen qabsoo bilisummaa gubbaatti bakka tokkotti dachahuusaanii, ijaaramuu ABO fi kkf irraa Jaal Nagariin ball'inaan dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP148 Jaal Nagarii Fayyisaa: " Eessaa Kaanee Asgeenye?" Sochii barattoota Oromo -Kutaa7ffaa 08.04.2024 2:24:02
Jaal Nagarii fayyisaan gaaffii, "Eessaa kaanee, asgeenye?" ga'ffageenyaan deebi itti laatu kurfii kana keessattis itti fufa. Qooda barattoota Oromoo, baruulee garagaraa maxxanfamaa turaniif sochii bifa hedduun deddeema turan bakka tokkotti kurfeessurratti tattaaffii godhaman ball'inaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP147 Jaal Nagarii: "Eessaa kaanee, as-geenye?" - Qooda Dhaloota Sadaffaa - Kutaa 6ffaa 01.04.2024 1:10:21
Jaal Nagariin seenaa kutaa 5ffaa jalatti eegale itti fufuun kurfii tana gubbaatti ammoo qooda dhalootni sadaffaa fii sochii barattootni Oromoo 1970moota keessatti qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gaggeessaa turan irraa ball'inaan dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP146 Jaal Nagarii: "Eessaa kaanee, asgeenye?" Qooda Dhaloota Tokkoffaafi Lammaffaa -Kutaa 5ffaa 26.03.2024 1:06:48
Qophii kana keessatti Jaal Nagariin gumaacha dhalootni tokkoffaa fii lammafaa qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gumaachan gad-fageenyaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP145 Jaal Nagarii Fayyisaa : " Eessaa Kaanee Asgeenye?" Gumaacha Dhaloota Hangafaa - Kutaa 4ffaa 22.03.2024 58:44
Jaal Nagariin gaaffii, "Eessaa kaanee asgeenye?" tartiibaan ibsuu itti fufa. Qophii tana gubbaatti dhaloota hangafaa keessaa Oromootni babbeekamoon qabsoo bilisummaaf(dhalachuu ABOf) qoodasaan gumaachan baill'inaan irraa dubbata. Dhihaadhaa!
SE08 EP144 Jaal Nagarii Fayyisaa, "Eessaa Kaanee Asgeenye?" Qooda Dhaloota Sadii - Kutaa 3ffaa 18.03.2024 1:02:21
Qophii kana keessatti jaal Nagariin gaaffii, "eessaa kaanee, asgeenye?" gahiinsaan deebisuuf qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa dhaloota sadiitti adda ramaduun, tokko tokkoon qoodasaan dhalachu Adda Bilisummaa Oromoof(jaarmayaa) gumaachan irraa dubbatu eegala. Dhihaadhaa!
SE08EP137 - Turtii Sintaayyoo Alamaayyoo- Haadha Warraa Taayyee Danda'aa Wojjin 04.02.2024 49:36
Kurfii tana gubbaatti Sintaayyoorraa: - haala Oromtichi, Taayyee Danda'aa Areedoon, amma keessai jiru, - madda ilaalcha siyaasa inni hordofaa ture, - akkamiifi maaliif MEDDAMAR leellisa ture, - amala dhalootaa addaa irraa mul'atanfii, Seenaa Oromticha Taayyee Danda'aa Areedo nuun qooddatti. Dhiihaadhaa!! #Oromia
SE08EP136 Kutaa Maayyii(5ffaa) Marii Dr Bayan Wojjin Gaggeessine 03.02.2024 1:22:31
Kurfii maayyii tana gubbaatti Dr Bayan seenaa nuun hirmaatu guduunfa. Qabxiilee; - Hariiroo(qunnamtii) ODF fi EPRDF jiraachaa ture - ODF biyya erga galee duubatti eessatti akka aanee - qabsoon bilisummaa Oromiyaa, "Oromo" callaarratti hundaahee itti fufuunsaa uummatoota hafan ifirraa achi hindhiibnee? - Sabarratti hundaahurraa gama mull'ata namoomarratti(univeral appeal) yookaan biyy...
SE08EP135 Itti Fufa Conversation Dr. Bayyaan Wajjin Gaggeessine - Kutaa 4ffaa 27.01.2024 58:43
Kurfii tana gubbaatti wahee "Bergen Conference", Kora Sabaa ABO 3ffaa fi taateewwan kabiroo mul'ataa turan ballinaan Dr Bayyaan irraa dhageenya.
SE08 EP134 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin- kutaa 3ffaa 20.01.2024 48:47
Conversation Dr. Bayan Asoba, qabsaawaa gameessa wojjin kurfiilee lameen tamsaafaman keessatti eegalle qophii tana gubbaattis itti fufna. Haalli qabsoo biyya ambaa keessatti bifa kam qabaataa ture? Mooraan qabsoo bilisummaa Oromiyaa tan ABOn hogganamaa turte gargar foxxoquu haarayaa akkam jiraatu isii mudate? Sababni fofoxxoquu kaayyoo mo waan dhibii? Dhihaadhaa!
SE08 EP133 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin Goone- Kutaa 2ffaa 13.01.2024 45:39
Conversation Dr. Bayan wojjin seenaa amna qabsoo bilisummaa Oromiyaa eegalle itti fufuun kurfii tana gubbaatti warraaqasi Qeerroo Ganamaan eegalame hagam akka guddate irraa dhageenya. Dhihaadhaa!
SE08 EP132 Turtii Dr. Bayan Asoba Wojjin Goone- Kutaa 1ffaa 05.01.2024 1:01:25
Dr. Bayan Asoba qabsaawaa gameessaan deemsa qabsoo bilisummaa Oromiyaafi jiruu-jireenya ummata Oromo bara mooti qorkee Hayile Silaasee kaasee, maal keessa akka dabreefi hardhas sadarkaa kam gubbaa akka jiru yaada isaa akka nuun hirmaata gaafanne, waan irraa dhageenye. Dhihaadhaa!
SE08 EP131 Jaal AbbaaBiyyaa Wajjin Seenaa Qabsoo ABOn Gaggeeffame-Kutaa Maayyii 31.12.2023 1:13:01
Kurfii maayyii tana gubbaatti Jaal AbbaaBiyyaan jaallan hogganoota ABO dirree Bahaafi dirree Kibba Bahaa Oromiyaa qabsoorraatti wareegaman nu yaadachiisu. Dhihaadhaa!
SE08 EP130 Jaal AbbaaBiyyaa Waliin Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa ture -Kutaa 6ffaa 25.12.2023 46:18
Qophii 6ffaa kana keessaatti Jaal Abbaabiyyaan taateewwan woltajjii siyaasaa Oromiyaa gubbaatti as-kaluu keessatti mul'atan irraatti yaada isaani nuun qooddatu. Dhihaadhaa!
SE08EP129. Jaal AbbaaBiyyaa Waliin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Kan ABOn Hogganamaa Ture-Kutaa 5ffaa 17.12.2023 45:54
Kurfii tana gubbaat, Jaal AbbaaBiyyaan erga ABOn Eritraat waajjira banateen booda dhibdee dhalateefi taateewwan mul'atan irraa dubbatan. Dhihaadhaa!
SE08EP128 Jaal AbbaaBiyyaa Wajjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa ABOn Gaggeefame-Kutaa 4ffaa 11.12.2023 1:22:34
Kurfii tana gubbaat, Jaal AbbaaBiyyaan Seenaa qabsaawoonni dirree bahaa fi dirree kibba bahaa Oromiyaa keessa turan erga mootummaa cehuumsaa lakkisanii bahani booda waan isaan mudate nuuf qooddachu kurfii 3ffaa keessat eegala itti fufan. Dhihaadhaa!
Ähnliche Podcasts
Replaio ist kein Herausgeber von Podcasts; die Namen der Sendungen, Cover und Audioinhalte gehören ihren Autoren und werden über öffentliche RSS-Feeds verbreitet